2 Dabarsi'i27gax_twf

Yotaam Mootii Yihuda'aa Te'e

1Yotaam yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii jaa bulche; maqaan haadha isaa Yerusha'a; isiin intala Zaadoqii ti.2Inni akkuma abbaa ifii Uziya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje; te'uu malee akka abbaa ifii hixaana aarisiisaaf hunnaan gara Galma Mootii Waan Maraa hin seenne. Kolbaan lafa sanii ammoo cubbuu hujiisa hin lakkinne.3Yotaam karra Galma Mootii Waan Maraa ta ol aantu deebisee ijaare; inni dalleya dhaka'aa qachaa kooba Ofeeliille jabeessee ijaare.4Koobota Yihuda'aa irratti qachaa, koobota gongomaan bacaan jiru irralle'etti kushe'ee fi xelleephoo ijaare.5Inni mootii Amoonotaa lolee injifate; bara san worri Amoonotaa, meetii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afurii, qamadii kuntaala kuma tokko, garbuu kuntaala kuma tokko Yotaamiif gibira kennane; woggaa lammeesso'ootii fi sadeesso'oolle'etti, akkasuma gabbarane.6Yotaam qajeelumma'aan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii dura waan deddeebi'eef hunnaamesa te'e.7Wonni dhibiin ta mootichi Yotaam hujee fi lolli inni lole martinuu, kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.8Inni yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii jaa bulche.9Yotaam du'ee qachaa Daawitii keessatti, abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; ilmi isaa Ahaaz addee isaatitti mootii te'e.