2 Dabarsi'i22gax_twf

Ahaaziyaan Mootii Yihuda'aa Te'e

1Worri saantotaa ka worra Arabaa woliin dhufane, ilmaan Yohoraamii mootichaa angafoota mara waan fixaneef, kolbaan Yerusaalemii ilma Yohoraamii maandhicha Ahaaziyaa addee abbaa isaatitti mootii godhane; tanaaf Ahaaziyaan ilmi Yohoraamii mootichaa, mootii Yihuda'aa te'e.2Ahaaziyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa te'ee woggaa tokko bulche; maqaan haadha isaa Ataaliya'a; isiin intala Ahaabii ilma Omirii ti.3Haati isaa akka inni waan hantuu huju waan gorsiteef, innille akkuma sanynii Ahaabii waan hantuu huje.4Abbaan isaa du'een duuba, sanyiin Ahaabii karaa badi'ii waan isatti gorsaneef, akkuma sanyii Ahaabii innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.5Inni gorsa isaanii fudhatee, ilma Ahaabii mootii Israa'elii Yehoraam woliin, mootii Sooriya'aa Hazaa'el loliisaaf gara Raamoot-Giili'aadii yennaa dhaqe, innille isa woliin dhaqe. Worri Sooriya'aalle achitti isa madeessane.6Inni mootii Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol lolanuu, madaa Raamaatitti isa madeessane san fayyiisaaf, Yizre'elitti deebi'e; achiin duuba ilmi Ahaabii Yehoraam waan madoweef, mootiin Yihuda'aa ilmi Yohoraamii Ahaaziyaan Yehoraam gaafatiisaaf gara Yizre'el gad dhaqe.7Ahaaziyaan Yoraam gaafatiisaaf dhaqiisa isaa, Waaqi du'a isaatiif sababa godhe; Ahaaziyaan yennaa achi geye, Yoraam woliin ilma Niimshii Yehuu ka Mootiin Waan Maraa akka inni sanyii Ahaabii balleessuuf muude bira dhaqe.8Yehuun maatii Ahaabii irratti muraa kenniisatti jiruun, worra Ahaaziyaa gula jiru qondaaltota Yihuda'aatii fi ilmaan obboleeyyan Ahaaziya'aa dhaggee isaan mara ijjeese.9Achiin duuba inni Ahaaziyaa barbaachisee, inni Samaariyaa keessatti dhokateeruun dhagganee qabanee, gara Yehu'uu fidanee ijjeesane; isaan, «Inni akaakoo Yoshaafaaxii ka gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraa tajaajilee ti» jedhanee awwaalane; eega san sanyii Ahaaziya'aa keessaa nami mootummaa qabatuu dande'u dhabame.

Ataaliyaan Mootittii Yihuda'aa Teete

10Haati Ahaaziya'aa Ataaliyaan ilmi isi'ii akka du'e yennaa dhaggite, kaatee sanyii Yihuda'aa keessaa maatii moototaa mara balleessite.11Intalti Yehoraamii mootichaa Yoshebaan ammoo ilmaan moototaa ka ijjeefamaaranu keessaa ilma Ahaaziya'aa Yo'aas hattee fudhattee, ta isa guddittu woliin kolloo taqe'ee takka keessatti dhossite; intalti Yoraamii Yoshebaan niitiin Yehoyaadaa hayyichaa obboleettii Ahaaziya'aa waan teeteef, Ataaliyaan akka hin ijjeenneef, Yo'aas dhossite.12Bara Ataaliyaan lafa bulchite san inni Galma Waaqaa keessa woggaa jaa dhokatee isaan woliin le'e.