Haareffama Aasaan Godhe
1Ayyaanni Waaqaa ilma Odeedii Azaariyaa irratti dhufe.2Azaariyaan gara Aasaa mootichaa dhaqee, «Aasaa, isinille namooti Yihuda'aatii fi namooti Beniyaaminii marti na dhage'a'a! Yoo isin Mootii Waan Maraa woliin jiraattane, innille isin woliin hin jiraata. Yoo isa barbaaddane, innille isiniif hin dhaggama; yoo isa lakkittane ammoo, innille isin hin lakkisa.3Israa'elooti bara hedduu Waaqa dhuga'aa malee, hayyuu isaan barsiisu malee, seera malee le'ane.4Isaan yennaa rakkatane gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii deebi'anee, isa barbaadane; innille isaaniif dhaggame.5Bara san worri biyya lafaa irra le'u marti raafama guddaa keessa waan jiruuf, nami nageyaan bayee, nageyaan galulle hin jiruuyyu.6Waaqi badii gara garaatiin waan isaan rakkiseef, gosi biyya takkaa gosa biyya taanii balleessitee, qachaan tokko qachaa kaan balleesse.7Isin ammoo gatii eloo teessanii waan dhaggattanuuf, jajjabaadha'a, hin dadhabina'a» jedhe.8Aasaan raaga ilmi Odeedii Azaariyaan raage akkuma dhage'een jajjabaate; inni waaqota dharaa diqachiisaa lafa Yihuda'aa maraa fi lafa Beniyaaminii mara keessaa, qachoota biyya koobitti'ii ta Efreem qabate keessaalle'ee balleesse; addee ciinca'aa ta soroo Galma Mootii Waan Maraa dura jirtulle haaresse.9Mootiin Waan Maraa Waaqi Aasaa woliin akka jiru dhageettee, kolbaan bindillaan lafa Israa'elii mara keessaa gara isaa waan hiixxeef, inni namoota Yihuda'aa, namoota biyya Beniyaaminii, ka biyya Efreemiitii fi biyya Minaase'ee, ka kutaa biyya Shimi'oon keessaa dhufane mara wolitti qabe.10Isaan, Aasaan mootii te'ee woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, woggaa san ji'a sadeesso'oo keessa Yerusaalemitti wolitti qabamane.11Boojuu guyyaa san fidane keessaa loon dhibba torba, hoolee kuma torba Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessane.12Isaan gadhaa tokkochaa fi qalbii takkatti'iin, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii barbaadatiisaaf Gondooroo godhanee,13isaan keessaa nami diqqaan yookiin guddaan, dhiirti yookiin dubartiin ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin waaqonfanne akka ijjeefamu godhane.14Isaan tultulla'aa fi tultullaa gaafa hoole'ee afuufanee, qoonqoo ifii ol qabatanee ililleetti'iin Mootii Waan Maraatiif kakuu kakatane.15Namooti biyya Yihuda'aa marti gadhaa tokkochaan waan kakataneef, marroo kakuu saniitiif gammadaan firinxiixane. Isaan qalbii takkatti'iin Waaqa waan barbaadaneef, inni dhaggameef; karaa maralle'een isaan foorfachiise.16Aasaan mootichi akkoon isaa Ma'akaan, fakkii waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantu, diqachiittuu waan hujjeef, inni giittummaa irraa isii buuse; fakkii isiin hujjelle caccassee, dhooqa Qedrooniititti gube.17Aasaan addee waaqonfanna'aa ta Israa'el keessaa duudi'iiyyuu diiguu dhabulle, bara jiruu ifii mara Mootii Waan Maraatiif ifi kenne.18Inni meya adda addaa, meeti'ii fi worqii ka abbaan isaatii fi inninuu Waaqaaf adda baasane fidee, Galma Waaqaa keessa keye.19Aasaan mootii te'ee haga woggaa soddomii shaneesso'ootitti lolli dhibiin hin kaane.