1 Ximootewoos6gax_twf

1Worri waanjoogarbumma'aa jala jiru maqaan Waaqaatii fi barsiisi keenna akka hin arraffanne, goottoti isaanii ulfinna guutuu akka dhaggatiisaaf malanetti laakkowanuu ti.2Garbooleen goottoti isaanii dhugeeffattoota te'ane, lamaanuu woliif Gootta'aan obboleeyyan waan te'aneef, goottota ifii tuffatiisa hin qabanu. Addee san, goottoti isaanii dhugeeffattootaa fi jaalota tajaajila isaanii irraa ka bu'aa dhaggatanu waan te'aneef, ta durii caalaa isaan tajaajilanuu ti. Tana barsiisii gorsi.

Barsiisa Sobaatii Fi Durummaa Dhuga'aa

3Nami barsiisa sobaa barsiisaa, jecha sirrii te'e ka Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitii fi ka ittiin Waaqa waaqonfatanuun wolii hin galle yoo jiraate,4nami akkasii nama kooraan ifi bokossee womaa hin beenne. Inni jechoota irratti moroma'aa fi lolaaf fedha hamaa ifi keessaa qaba. Wonni kun ammoo hinaaffaa, wol dhaba, arrabaa fi mama badaa fiddi.5Wol mormiin worra qalbii hin qanne irraa dhutti, isaan dhugaan waan irraa fudhatanteef dhugeeffannaa karaa karra dhaggatiisaa seyan.6Dhugeeffannaan, nama waan qabuun dande'ee le'u biratti bu'aa guddaa qaddi.7Nuuti waan tokkolle finnee gara biyya lafaa hin dhunne; waan tokkolle isii keessaa fuunee deemiisa hin dandeennu.8Ammoo woya'aa fi sagalee yoo qabaanne sun nu hin geetti.9Worri durummaa barbaadu ataabe'etti jigee, tiyyoo gowwummaa heddu'uutii fi halchaa isaan miituutiin, ta isaan balleessituu fi dhidhinsituun qabaman.10Sababille beesee jaalatuun hidda hammeenna duudi'ii ti. Worri gariin durummaa dhaggatuu halchee, dhugeeffannaa irraa badee qalbii ifii gaddaan laalesseera.

Gorsa Phawuloos Ximootewoosiif Kenne

11Ati nami Waaqaa ammoo, waan kana duudii irraa fagaadhu; balchummaa, akka nama Waaqaa le'uu, dhugeeffannaa, jaalala, ciniinnatanee ossu'uu fi qajeelummaa hordof.12Lola dansaa dhugeeffanna'aa loli. Jiruu bara baraa ta yennaa gara isaa waammante dhugaa baatota hedduu duratti dhugaa baate qabadhu.13Fuula Waaqa waan duudi'iif jiruu kennuutii fi Yesuus Kiristoosii Phonxoos Philaaxoos duratti dhugeeffannaa ifiitiif akka dansaa dhugaa baye duratti si ajaja.14Haga guyyaa Goottaan keenna Yesuus Kiristoos deebi'ee mudhatuutitti ajaja kana balleessa'aa fi komii malee eegadhu.15Waaqi eebbifama'aa fi qofuu Bulchaa te'e, Mootichi moototaa, Goottaan goottotaa guyyaa ifii murteessetti mudhiin Kiristoosii teeti.16Ka hin duune isa qofa; inni ifa eennulle itti dhiyaatu'uuf hin dandeenne keessa le'a. Nami tokkolle isa hin dhaggine; eennulle isa dhaggu'uuf hin dande'u. Ulfinnii fi hunni bara baraa isaaf te'u! Ameen.17Worri amma biyya lafaa tanatti dureeyyii te'ane akka hin koorre, yookiin addii isaanii karra hin addachiinne irratti adoo hin te'in, akka ittiin gammannuuf Waaqa waan duuchii fakkansee nu'uuf kennutti akka addii godhatanu isaan ajaji.18Hujii dansaa akka hujanu, akka hujii dansa'aan dureeyyii te'anu, akka arjoomanuu fi waan qabanu qoodiisaaf ka qophowane akka te'anu ajaji.19Karaa kanaan jiruu dhuga'aa dhaggatiisaaf karra hundeen isi'ii jadduu teete bara dhufuuf kuufatan.20Ximootewoos! Waan maganne'een sitti kenname jabeessi eegi. Dubbii midhaan hin qanne, ta waan dhuga'aatiin mormituu fi moromaa gowwittii ta worri gariin «Beekkuma» jedhu irraa fagaadhu.21Worri gariin beekkumsa kana qanna jedhaa, karaa dhugeeffanna'aa irraa badeera. Badhaadhi Waaqaa isin woliin jiraatu.