1TI4gax_twf

Barsiisota Dharaa

1Bara duubaatitti namooti gariin, ayyaanota wollaalchisa'aa fi barsiisa durriisotaa hordofiisaan dhugeeffannaa irraa akka dacha'anu Ayyaanni Waaqaa qulleessee hima.2Barsiisi akkasii kijiboota dhara dubbatiisaan wodanaan isaanii akka sibiila o'aan gubamee dillaye irraa dhufa.3Worri kun «Fuudhaa fi heeruma, sagalee akkasiitii fi akkasii nyaatuun dhoogga'a» jedhan. Waaqi ammoo, sagalee tana akka nyaatanuuf dade; worri dhugeeffatuu fi worri dhugaa beekiisaaf dhufe daadimata galataatiin nyaata.4Wonni Waaqi dade duudiin dansa'a; wonni daadimata galataatiin fudhatante takkaalle hin jibbatantu,5isiin sababa jecha Waaqaatii fi daadimataatiif Waaqa biratti fudhatama dhaggatti.

Tajaajilaa Dansaa Yesuus Kiristoosii

6Barsiisa kana dhugeeffattoota yoo barsiitte, jecha dhugeeffanna'aatii fi barsiisa dhuga'aa ka hordotte saniin guddataa, tajaajilaa dansaa Yesuus Kiristoosii hin teeta.7Oduu durii ta beera dulloontee, ta gatii hin qanne hin fudhatin. Addee san leetoo Waaqi fedhuu le'iisaaf ifi leenjis.8Nafa jajjabeessu'uuf ifi leenjisuun bu'aa diqqoo qaba; leetoo Waaqi fedhu le'iisaaf ifi leenjisuun ammoo, le'ii ammaatii fi ta dhuttulle'eef addii waan qabuuf karaa maraan bu'aa qaba.9Jechi kun jecha dhugicha guutuma guutu'utti fudhatamu'uu male.10Nuuti Waaqa jiraataa fayyisaa nama duudi'ii, keessattuu ka worra isatti dhugeeffatuu te'etti waan addannuuf huji'iin dadhabaa farralle dhaggina.11Tana duudii isaan ajajii barsiisi.12Dubbii afaan keeti keessaa baatuun, haasowaan, le'iin, jaalalaan, dhugeeffanna'aa fi qulqullumma'aan dhugeeffattootaaf fakkeenna te'i malee, dargaggeessa waan teeteef eennulle si hin tuffatin.13Haga ani dhufutti, Barreeffama Woyyicha kolba'aaf dubbisiisa, lallabiisaa fi barsiisiisatti jabaadhu.14Kennansa yennaa raagoti dubbattee fi jaarsoleen wolde'a kiristaanaa harka ifii si irra keette si'iif kenname, kennansa Ayyaanaa ka si keessa jiru san hin dagatin.15Akka nami duudiin guddinna keeti dhaggu waan kana ifi kennii huji.16Ati mataa keetii fi barsiisa keeti midhassii ilaalladhu, waan kana itti jabaadhu; akkas godhiisaan mataa keetii fi worra si dhage'u hin fayyitta.

No translations available.