Dhufa Gootta'aatiif Qophowa'a
1Obboleeyyan tiyya! Marroo baraa fi yennaa wonni kun itti teetuu isiniif barreessuun hin barbaachisu.2Guyyaan Gootta'aa akka hattuu halkaniin dhuttuu akka dhufu isinuu akka dansaa beettan.3Namooti, «Wonni duudiin nageya, qabbana» adoo jedhanuu, akkuma ciniinsuun dubartii ulfaatitti dhuttu, badiin tasa isaanitti dhutti; ijjumaa jalaa hin bayanu.4Obboleeyyan tiyya! Isin ammoo dukkana keessa waan hin jirreef, guyyaan sun akka hattu'uu isinitti hin dhufu.5Isin duudiin ijoollee ifaatii fi guyya'aa ti. Nuuti worra halkanii yookiin worra dukkanaatii moti.6Maarre, dammandhee ifi qabatiisaan hagatti leenuutii malee, akka worra dhibi'ii me rannuu ti.7Worri rafu halkan rafa; worri machowulle halkan machowa.8Nuuti ammoo worra guyya'aa waan teeneef, ifi qabannee hagatti leenuu ti; dhugeeffanna'aa fi jaalala akka qomoo sibiilaa, addii fayyinnaalle akka gullee sibiilaa keyannuu ti.9Waaqi akka nuuti karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin fayyinna dhaggannuuf malee, mufi'iif nu hin waanne.10Nuuti jiraannulle yookiin duunulle isa woliin akka jiraannuuf, Kiristoos nu'uuf du'e.11Maarre akkuma amma godhiisatti jirtanu, wol jajjabeessaa wol ijaara'a.Gorsaa fi Nageya Muumme'ee
12Obboleeyyan tiyya! Worra odduu teessanitti jabaatee hujaa, karaa Gootta'aatiin isin sooressuu fi gorsu akka ulfeessitanu isin kadhanna.13Sababa hujii isaan hujanuutiif jaalalaan guddisa'aa isaan ulfeessa'a. Isinille woliif nageya qabaadha'a.14Obboleeyyan tiyya! Worra hujii jibbu akka xixxanu, worra yaraa akka jajjabeessitanu, worra dadhabaa akka qarqaartanu, nama maraaf akka ossattanu isin gorsina.15Yennaa duudii wolii keessanii fi namoota duudi'iif dansaa godhiisaaf yaadadha'a malee, nami tokkolle waan hantu'uuf hantuu akka hin deebinne ilaalladha'a.16Yennaa mara gammada'a;17yennaa mara daadimadha'a;18waan maraa keessatti Waaqa galateeffadha'a. Jiruu isin Yesuus Kiristoosiin qaddanu keessatti wonni Waaqi isin irraa barbaadu kana.19Ayyaana Woyyicha hin ukkaansina'a;20jecha raagaa hin tuffatina'a;21ammoo waan maraa qorqora'aa ilaala'a; waan dansaa qabadha'a;22waan hantuu duudii irraa fagaadha'a.23Waaqi Abbaan nageyaatuu, guutumatti isin woyyoonsu; ayyaanni keessan, lubbuun teessanii fi nafi keessan duudiin komii malee, guyyaa dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif eegamu.24Ka isin waame addatamaa waan te'eef, inninuu tana hin godha.25Obboleeyyan tiyya! Nu'uufille daadimadha'a.26Sunqata woyyichaan dhugeeffattoota duudii nageya fuudha'a.27Ergaa tana akka dhugeeffattoota duudi'iif dubbittanu maqaa Gootta'aatiin maganne'e isiniin jedha.28Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.