Jiruu Waaqa Gammachiittu
1Muummee irratti, obboleeyyan tiyya, Waaqa gammachiisiisaaf attam akka leetanu nu irraa barattaneertan. Ammaa tana dhugumaan akka san le'iisatti jirtan; tana caalaalle akka gootanu, maqaa Goottaa Yesuusiitiin isin gaafataa isin gorsina.2Nuuti baallii Goottaa Yesuusiitiin ajaja isinii kennine hin beettan.3Waaqi akka isin sagaagalummaa irraa fagaattanee woyyoontanu fedha.4Nami duudiin haadha manaawoyyumma'aa fi ulfinnaan qabatee eegatiisa beekuu ti.5Akka worra Yihudoota hin te'inii, ka Waaqa hin beennee halchaa foonii badduu hin qabaatin.6Nami tokkolle waan kana irra taree dhugeeffataa dhibii hin yakkin. Akkuma tanaan qara isin ifi eegachiinne, worra waan kana godhu Goottaan hin adaba.7Waaqi woyyumma'aan akka leenu malee, akka battumma'aan leenuuf nu hin waanne.8Tanaaf, nami barsiisa kana tuffatu, nama adoo hin te'in, Waaqa Ayyaana Woyyicha ifii isiniif kennu tuffata.9Marroo wol jaalatiisaa isinuu Waaqa irraa waan barattaneef attam akka wol jaalattanu barreessiisa hin barbaachisu.10Isin dhugumaan dhugeeffattoota biyya Maqedooniya'aa keessa jirtulle duudii jaalattan. Maarre obboleeyyan tiyya, kana caalaalle akka jaalattanu isin gorsina.11Akkuma tanaan dura isinitti hinne sirnaan le'iisaaf, haajaa keessan baafatiisaa fi harkuma keessaniin hujatiisa yaada qabaadha'a.12Karaa kanaan worra hin dhugeeffatin biratti ulfinna dhaggattan; waan isiniif barbaachisulle harka namaa irraa hin eegattanu.Dhufa Gootta'aa
13Obboleeyyan tiyya! Akka namoota addii hin qannee akka hin gaddine, marroo worra du'ee dhugaa jirtu akka beettanu barbaanna.14Yesuus du'ee, du'a keessaa akka ka'e hin dhugeeffanna; maarre Waaqi, worra Yesuusitti dhugeeffatee du'e, isa woliin deebisee akka fidu hin dhugeeffanna.15Akka barsiisa Gootta'aatitti waan isinitti hinnu qanna: nuuti worri guyyaa Goottaan deebi'ee dhufu adoo hin du'in jirru, worra du'eeru hin dursinu.16Qoonqoo ajaja gudda'aatiin, qoonqoo mootii erganticha Waaqaatiin, qoonqoo tultullaa Waaqaatiin bookarfamee, Goottaanuu ol-gubbaa irraa gadi hin dhufa. Worri Kiristoositti dhugeeffatee du'e, dursee hin ka'a;17achiin duuba nuuti worri adoo hin du'in jirru isaanuma woliin qilleensa irratti Gootta'aan wolde'iisaaf duumensa keessa ol butanna. Maarre haga bara baraalle Goottaa woliin leena.18Tanaaf jecha kanaan wol jajjabeessa'a.