1 Saamu'elii26gax_twf

Daawiti Ammalle Lubbuu Saa'ol Hambure

1Namooti biyya Ziifii gara Saa'olii Giibe'aa dhaqanee, «Daawiti kooba Hakiila'aa irraa, fuullee lafa goomole'eetitti dhokateera motii?» jedhaneen.2Maarre Saa'ol ka'ee namoota Israa'elii ka filamane kuma sad woliin Daawiti barbaadiisaaf gara goomolee Ziifii deeme.3Saa'ol kooba Hakiila'aa ta fuullee lafa goomole'ee cinaa kara'aa qubate. Daawiti ammoo goomolee keessa ture; inni akka Saa'ol haga achii isa hordofee dhufe yennaa dhagge,4worra dooyu ergee Saa'ol dhugumaan akka achi dhufeeru hubate.5Achiin duuba Daawiti ka'ee addee Saa'ol Qubateeru dhaqee, Saa'olii fi ajajaan loltoota isaa ilmi Neerii Abneer addee rafaneeranu dhagge. Saa'ol odduu quttumaa rafee loltooti isaa adaala isaa qubataneeraniiyyu.6Achiin duuba Daawiti Ahiimelekii nama biyya Heetotaatii fi ilma Zeruyaa obboleessa Yo'aabii Abiishaayiin, «Eentu na woliin gara addee quttuma Saa'olii gad dhaqa?» jedhee gaafate. Abiishaayille, «Ani si woliin hin dhaqa» jedhe.7Maarre Daawitii fi Abiishaayi halkaniin addee loltooti jirtu dhaqane. Saa'ol eboo ifii mataa ifii duratti lafatti dongoratee odduu quttumaa rafee, Abneerii fi loltootille adaala isaa rafaneeraniiyyu.8Achiin duuba Abiishaayi Daawitiin, «Waaqi adha diina keeti harka keetitti dabarsee kenneera; amma ani yennuma tokko eboo tiyyaan Saa'ol woraanee lafa woliin wolitti hodha; ittille dabaluu hin barbaachisu» jedhe.9Daawiti ammoo Abiishaayiin, «Isa hin ijjeesin! Nama Mootiin Waan Maraa muude ijjeesee ka yakkaamessa hin te'in eennu?10Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, Mootiin Waan Maraatuu Saa'ol hin ijjeesa yookiin guyyaa ifii hin du'a yookiin duula dhaqee achitti hin du'a.11Nama Mootiin Waan Maraa muude ijjeesiisa irraa Mootiin Waan Maraa na eeguu ti! Ammoo eboo isaatii fi duloo isaa ta bisaanii ka mataa isaa dura jiranu san fuudhi hin ideennaa!» jedhe.12Maarre Daawiti ebo'oo fi meya bisaanii ka mataa Saa'olii dura jiranu san fuudhee, isaan lamaanuu achii deemane. Mootiin Waan Maraa hirriiba hamaa isaanitti waan buuseef, isaan marti rafanee, nami tokkolle dammaqee isaan hin dhaggine yookiin tana hin beenne.13Achiin duuba Daawiti gara gamaa achi bu'ee isaan irraa fagaatee qaccee koobaa irra dhaabbate; wodhakkaa isaanii fageenna gudda'atti jiraayyu.14Daawiti loltootaa fi ilma Neerii Abneer waamee, «Ee Abneer! Na jalaa hin owwaattuu?» jedheen; Abneerille deebisee, «Ati ka mootii waantu kun eennu inni?» jedheen.15Daawitille, «Ati namaa motii ree? Israa'el keessa ka akka keetii eennu? Nami tokko goottaa keeti mooticha ijjeesiisaaf waan dhufeef, ati goottaa keeti mooticha maaf hin eenne ree?16Wonni ati hujje kun dansa'aa moti. Goottaa keessan ka Mootiin Waan Maraa muude waan hin eeginiif, dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, atii fi namooti keeti du'uu qaddan. Eboon mootichaatii fi meyi bisaanii ka isaa ka mataa isaa dura jiranu meet ree? Me adaala keeti ilaali!» jedheen.17Saa'ol qoonqoo Daawitii beekee, «Ilma kiyya Daawiti, kun qoonqoo teetii?» jedheen. Daawitille deebisee, «Ee mooticha, goottaa kiyya, eeti'i qoonqoo tiyya» jedheen.18Itti dabalee, «Ee goottaa kiyya, maaf ana tajaajilaa keeti ariita? Ani maan godhe? Ani maan yakke?19Amma goottaan kiyya qoonqoo tajaajilaa ifii caqasuu ti. Mootiin Waan Maraa na irratti si kaasee yoo jiraate, inni kennansa fudhatuu ti. Namooti tana godhanee yoo jiraatane, akka ani qooda hin qabaanne, ‹Dhaqiitii waaqota dhibii waaqonfadhu› jedhanee waan na ari'aneef, isaan Mootii Waan Maraa duratti abaaramanuu ti!20Akka nama gaara irratti gogorrii adansuu, Mootiin Israa'elii ana nama taffii tokko barbaadiisaaf waan bayeef dhiigi kiyya Mootii Waan Maraa duraa fagaatee akka dhangala'u hin godhin!» jedhe.21Achiin duuba Saa'ol, «Ani cubbuu hujeera. Lubbuun tiyya adha si duratti ulfinna waan dhaggatteef, ani deebi'ee si hin miidhuutii, ilma kiyya Daawiti, deebi'i. Ani dhugumaan gowwumma'aan dokonkora guddaa hujeera» jedhe.22Daawitille deebisee, «Ee mooticha, kunoo, eboon teeti as jirti, dargaggoota teeti keessaa tokko dhufee fuudhuu ti!23«Mootiin Waan Maraa nama tokko tokkoofuu akka balchummaa isaatii fi addatamummaa isaatitti gatii isaaf kennuu ti. Mootiin Waan Maraa adha harka kiyyatti si dabarsee waan kenneef, ani ammoo nama Mootiin Waan Maraa muude hin miidhu.24Akkuma adha lubbuun teeti na duratti ulfinna dhaggatte, lubbuun tiyyalle Mootii Waan Maraa duratti ulfinna dhaggatuu ti! Inni rakkinna mara keessalle'ee na baasuu ti» jedhe.25Achiin duuba Saa'ol Daawitiin, «Ee ilma kiyya Daawiti, ati eebbifam! Ati waan hedduu hin goota; dhugumaan si'iif hin milkootti» jedhe. Maarre Daawiti karaa ifii deemee, Saa'olille gara mana ifii deebi'e.