1 Saamu'elii23gax_twf

Daawiti Qachaa Qeyilaa Badii Irraa Hambure

1«Kunoo, Filisxeemoti qachaa Qeyilaa lolanee, midhaan eeddummee keessaa saamiisatti jiran» jedhanee Daawititti himane.2Tanaaf Daawiti, «Dhaqee Filisxeemota tana loluu?» jedhee Mootii Waan Maraa gaafate. Mootii Waan Maraalle deebisee isaan, «Dhaqii Filisxeemota loliitii qachaa Qeyilaa isaan harkaa baasi» jedhe3Namooti Daawitii ammoo, «Kunoo, as Yihudaa keessattuu nuuti hin sodaanna; qachaa Qeyilaa dhandhee attam isaan loliisaaf dandeenna ree?» isaan jedhane.4Achiin duuba Daawiti ammalle Mootii Waan Maraa gaafate. Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Ani Filisxeemota harka keetitti dabarsee waan kennuuf ka'iitii gara qachaa Qeyilaa dhaqi!» isaan jedhe.5Maarre Daawitii fi namooti isaa gara qachaa Qeyilaa dhaqanee, Filisxeemota lolanee horii isaanii booji'anee, isaan keessaa nama bacaa ijjeesane. Maarre Daawiti kolbaa qachaa Qeyilaa badii irraa hambure.6Ilmi Ahiimelekii Abiyaataar qachaa Qeyilaatitti gara Daawitii yennaa baqate, woyaa hayyumma'aa ta qomaa fudhatee dhaqe.7Daawiti gara qachaa Qeyilaa akka dhufe Saa'olitti himane. Saa'olille, «Daawiti qachaa karraa fi danqaraa karraa qabu seenee waan ifitti cufateef, Waaqi isa harka kiyyatti dabarsee kenneera» jedhe.8Maarre Saa'ol gara qachaa Qeyilaa dhaqee Daawitii fi namoota isaa marsee qabiisaaf loltoota ifii mara waame.9Daawitille akka Saa'ol isa irratti hantuu yaadate beekee, Abiyaataarii hayyichaan, «Woyaa hayyumma'aa ta qomaa as naa fidi!» jedhe.10Achiin duuba Daawiti, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, Saa'ol gara qachaa Qeyilaa dhufee sababa kiyyaaf qachaa balleessiisaaf akka barbaadu dhugumaan ani tajaajilaan keeti dhage'eera.11Namooti qachaa Qeyilaa harka isaatitti dabarsanee na hin kennanii? Akkuma ani dhage'e Saa'ol dhugumaan as hin dhufaa? Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii ana tajaajilaa keetitti himi!» jedhe. Mootii Waan Maraalle deebisee, «Inni hin dhufa» jedhe.12Daawiti ammalle, «Namooti qachaa Qeyilaa anaa fi namoota kiyya Saa'olitti dabarsanee hin kennanii ree?» jedhee gaafate. Mootii Waan Maraalle deebisee, «Eeti'i, isaan dabarsanee isin hin kennan» jedheen.13Maarre Daawitii fi namooti isaa ka gara dhibba jaa qachaa Qeyilaatii ka'anee addee dhaqiisaaf barbaadane mara dhaqane. Daawiti qachaa Qeyilaatii akka miliqe Saa'olitti yennaa himane, inni achi dhaqiisa lakkise.14Daawiti kushee hedduu jadduu goomolee keessaa ta koobota goomolee Ziifii keessa ture. Saa'ol guyyaa mara Daawiti barbaadaayyu; Waaqi ammoo Daawiti harka isaatitti dabarsee hin kennine.15Daawiti goomolee Ziifii, Horesh keessa adoo jiruu Saa'ol isa ijjeesiisaaf akka dhufe dhagge.16Ilmi Saa'olii Yonaataan addee Daawiti jiru gara Horeshii dhaqee, maqaa Waaqaatiin isa jajjabeesse.17Yonaataan Daawitiin, «Hin sodaatin! Abbaan kiyya Saa'ol ijjumaa si hin dhaggu. Ati Israa'el irratti mootii hin teeta, anille sitti hin aana. Abbaan kiyya Saa'olinuu tana hin beeka» jedhe.18Isaan lamaanuu Mootii Waan Maraa duratti gondooroo godhatane. Achiin duuba Yonaataan gara manaa ifii deemee, Daawiti ammoo Horesh keessatti hafe.19Namooti Ziifii gara Giibe'aa Saa'ol bira dhaqanee, «Kunoo, Daawiti kushee hedduu jadduu Horesh keessaa, kooba Haqiilaa ta lafa goomolee irraa gara kibbaa jiranu, odduu teennatti dhokateeraa motii?20Ee mooti'i, ati yennaa feete koy! Nuuti isa qannee dabarsinee sitti hin kennina» jedhaneen.21Saa'ol deebisee, «Isin marroo naaf yaadattaneef Mootiin Waan Maraa isin eebbisu.22Inni nama maltee akka te'e ani waan dhage'eeruuf, isin dhaqa'aa qorqora'aatii inni yennaa hedduu eessa akka turuu fi nama isa achitti isa dhaggelle adda baasa'aa beeka'a.23Addee inni itti dhokatu mara hubadha'aatii oduu mirkana teete fida'aatii gara kiyya deebi'a'a. Achiin duuba ani isin woliin dhaqee, inni biyya keessa yoo jiraate, ani lafa Yihuda'aa mara keessa isa hin barbaada» jedhe.24Maarre namooti ka'anee adoo Saa'ol hin deemin dursanee Ziif dhaqane. Yennaa tana Daawitii fi namooti isaa biyya Arabaayii ta lafa goomole'ee irraa gara kibbaa jirtu goomolee Mo'aa keessa jiraniiyyu.25Saa'oliif fi namooti isaa Daawiti barbaadiisaaf dhaqane. Daawitille tana yennaa dhage'e gara rassa'aa dhaqee goomolee keessa Maa'on le'e. Saa'ol tana yennaa dhage'e, goomolee maa'onii keessa Daawiti ari'e.26Saa'ol cinaa gaaraa gara tokkoon yennaa ari'u, Daawitii fi namooti isaalle gara kaaniin Saa'ol duraa baqatiisaaf ariifatan. Saa'olii fi loltooti isaa Daawitii fi namoota isaa marsanee qabiisaaf itti dhikaatanee adoo jiranuu,27nami tokko gara Saa'olii ergamee dhufee, «Filisxeemoti lafa qabatiisatti waan jirtuuf, ariifadhuu koy!» jedhe.28Achiin duuba Saa'ol Daawiti ari'iisa lakkisee Filisxeemota loliisaaf deeme. Tanaaf addeen sun, «Rassaa itti gargar deebi'ane» jedhanee moggaasane.29Daawitille addee sanii ol bayee kushee jadduu, «En-Gedi» jedhantu keessa le'e.