1 Ergaa Pheexroosii3gax_twf

Haadhotii Manaatii Fi Abbootii Manaa

1Akkasuma isin haadhotiin manaa, abbootiin manaa teessan gariin, Jecha Waaqaatitti ka hin dhugeeffanne teetulle, isin waan tokko adoo hin dubbatin amala isin mudhittanuun booji'amanee dhugeeffatan fa'a te'a, isaaniif ajajama'a.2Sababille isaan qulqullumma'aa fi amala dansaa keessan yennaa dhaggane tana godhan.3Shaggummaan teessan waan alaan mudhatuun mataa dhowatiisaan, worqii naqatiisaan, yookiin woyaa gatii guddo'oo uffatiisaan ifi seefatiisaan hin te'in.4Ammoo shaggummaan teessan, ka ayyaanni qajeela'aa fi sirnaamessi Waaqa duratti gatiin isaa guddaa te'e keessa jiru, ka yennaa mara hin banne, seefata keessa nafa keessanii te'uu ti.5Bara durii haadhotiin manaa ta woyyoonte, ta addii ifii Waaqatti godhatte, abbootii manaa ifiitiif ajajamaa ifi seefatteerti.6Isaan akkuma Saaraan Abrahaamiin, «Goottaa kiyya» jedhaa ajajanteef ajajamane. Isinille amma dansaa godhaa waan tokkolle yoo sodaatuu dhaddane ijoollee isi'ii ti.7Akkasuma isin abbootiin manaa, akka haadhotiin manaa teessan isin caalaa dadhaddu'uu isi'iif beeka'aatii woliin le'a'a; ulfinna isaaniif kenna'a; sababille isaan isin woliin badhaadha jiru'uu ka Waaqi kennu dhaggatan. Yoo akkas gootane wonni daadimata keessaniif gufuu te'aa hin jiraattu.

Dansaa Hujiisaan Rakkoo Fudhatuu

8Muummee irratti, isin duudiin yaada tokkoon wolii gala'a; woliif dhiiga'a; akka obboleeyyanii wol jaaladha'a; arjoole'ee fi worra ifi gad qabu te'a'a.9Eebbisa'a malee, hammeenna hammeennaan, arraba arrabaan hin deebisina'a; sababille isin waan akkasii kana godhiisaan eebba akka dhaaltanuuf waammantane.10Barreeffam Woyyichi,«Nami jiruu barbaaduu fibara dansaa dhagguu fedhu,arraba ifii hantuu dubbatiisa irraa,hidhii ifii soba dubbatuu irraa dhooggatuu ti.11Inni hammeenna irraa garagalee dansaa godhuu ti.Nageya barbaaduu ti; hordofatuutille'e.12Ilti Gootta'aa gara worra balchootaa ilaalti;gurri isaalle daadimata isaanii hin dhage'a;worra hantuu godhutti ammoo nyaara guura» jedha.13Waan dansaa godhiisaaf yoo hinaattane ka isin irratti hantuu huju eennu?14Waan dansaa hujiisaan rakkoo yoo fudhattanelle eebba hin dhaggattan; sossodaachisiisa namaa hin sodaatina'a; hin raafaminaalle'e.15Kiristoos ammoo akka Gootta'aatitti adda baasa'aatii ulfeessa'a. Marroo addii isin keessa jirtuu, nama isin gaafatu maraaf deebii kenniisaaf yennaa maraa ka qophoottane te'a'a.16Ammoo deebiin teessan qajeelumma'aa fi kabajja'aan teetuu ti. Ka Kiristoosii waan teetaneef, amala dansaa keessan worri hammeessee dubbatu hantuu dubbataneen akka qaanowanu wodanaa dansaa qabaadha'a.17Yoo fedha Waaqaa te'e, hantuu hujiisaan rakkinna fudhatu'uu mannaa, waan dansaa hujaa rakkinna fudhatuu woyya.18Kiristoos gara Waaqaa nu dhikeessiisaaf jedhee, adoo balchaa te'ee jiruu, nu worra balchummaa hin qanneef sababa cubbuu teennaatiif, yennaa maraaf yennaa takkatuu du'e. Inni fooniin du'ee ayyaanaan ammoo jiraataa te'e.19Inni Ayyaanuma saniin dhaqee ayyaanotamana hidhaa keessa jiranuuf lallabe.20Ayyaanoti mana hidha'aa keessa jiranu sun, bara Nohi hoboloo guddittii ijaarrate adoo Waaqi ossataan isaan eegiisatti jiruu worra ajajama didane. Worri bisaan badi'ii irraa hafe, nama saddeet ka hoboloo guddittii keessa seene qofa.21Bisaan kun fakkeenna cuuphama amma isin fayyisuu ti; cuuphami kunille xurii nafaa dhiqatiisa adoo hin te'in, gaaffii wodanaa qullicha dhaggatiisaaf gara Waaqaa dhikaattu. Innille karaa du'aa fi ka'a Yesuus Kiristoosiitiin isin fayyisa.22Kiristoos amma gara ol gubba'aa dhaqee maddii midda Waaqa Abba'aatitti tee'eera; ergantooti Waaqaa, worri baallii qabuu fi hunnooti, baallii isaa jala jiran.