Mootiin Waan Maraa Ammalle Solomoonitti Mudhate
1Mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa ijaaree, waan hujuu barbaade mara yennaa fixe,2Mootiin Waan Maraa akkuma dur Giibe'onitti isatti mudhate, ammalle itti mudhate.3Inni isaan, «Ani daadimataa fi gaaffii ati na gaafatte dhage'eera; Galma haga bara baraa maqaan kiyya akka itti waamamuuf, ati ijaarte kana woyyoonseera; ani yennaa mara gara isaa hin ilaala; waan isaalle hin yaada.4Akkuma abbaa keeti Daawitii, atille qajeelumma'aa fi addatamumma'aan, fuula kiyya dura yoo deddeebite, waan ani si ajaje mara yoo goote, seerataa fi seera kiyya yoo eegatte,5akkuma ani dur, ‹Sanyii teeti keessaa, nami barcumaa mootummaa Israa'elii irra tee'u hin dhabamu› jedhee, abbaa keeti Daawitiif waadaa gale, barcumaa mootummaa teetii, Israa'el irratti haga bara baraa hin jabeessa.6«Ammoo ati yookiin sanyiin teeti na hordofiisa irraa deebitanee, ajajootaa fi seerataa ani isinii kenne eegatuu diddanee, dhaxxanee waaqota dhibii tajaajiltanee yoo waaqonfattane,7ani Israa'eloota lafa isaaniif kenne keessaa hin ari'a; Galma maqaan kiyya akka itti waamamuuf woyyoonse kanalle hin lakkisa; Israa'el kolbaa mara oddu'utti waan mammaassaatii fi waan kollaa hin teeti.8Galmi amma guddoo maadeffamu kun diigamee tuulaa bututaa hin te'a; worri karaa san dabaru marti maadeffataa, ‹Mootiin Waan Maraa maaf waan akkasii lafa tanaa fi Galma kana irratti fide?› jedhaa itti hin murgan.9Isaan ifumaafuu deebisanee, ‹Isaan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii, ka abbootii isaanii biyya Gibxi'ii keessaa baase san lakkisanee, waaqota dhibii, waaqonfatanee waan tajaajilaneef, Mootiin Waan Maraa badii tana itti fide› hin jedhan» jedhe.10Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootummaa ifii woggaa diddamatti ijaaree fixe.11Mootiin Xiiroosii Hiiraam muka hindheensaa, muka birbirsaatii fi worqii, haga Solomoon barbaade mara waan isaa kenneeruuf, mootichi Solomoon qachoota diddama Galiilaa keessa jiranu, Hiiraamiif kenne.12Te'uu malee mootichi Hiiraam, qachoota Solomoon isaaf kenne ilaaliisaaf yennaa dhaqe, qachoota sanitti hin gammanne.13Tanaaf inni Solomooniin, «Obboleessa kiyya! Ati qachoota attamii naaf kennite?» jedhee gaafate; qachoota sanille «Lafa Kabulii» jedhee moggaase; qachooti sun haga adhaalle maqaa kanaan waamaman.14Mootiin Xiiroosii Hiiraam, worqii kiiloogiraama kuma afur caaltu, Solomooniif ergeeraayyu.Hujii Solomoon Huje Ta Dhibii
15Mootichi Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootummaa ifii akka ijaaranuuf kaabii, «Miiloo» jedhantu akka guutanuuf, dalleya Yerusaalemii, dalleya qachaa Hazoorii, Megidootii fi Gezerii ijaarsisiisaaf, namoota hunnaan hujii hunnaa hujanu itti bobbaase.16Mootichi biyya Gibxi'ii Fara'oon qachaa Gezerii lolee qabate; inni qachaa san gubee, Kana'aanota achi keessa le'anu fixee, qachaa san intala ifii ta mootichi Solomoon fuudheef gicaa kenne.17Solomoon qachaa Gezerii deebisee ijaare; inni ammalle qachaa Bet-Horoonii gara jalaa,18qachaa goomolee Yihuda'aa keessaa Ba'aalaatii fi Taamaarii,19akkasuma qachoota midhaan isaa itti kuusanu, qachoota garreettoti isaa ka fardaan harkifamanuu fi fardoon isaa itti galanu, waan ijaariisaaf barbaade mara Yerusaalem keessatti, Libaanonii fi lafa ifii bulchuu mara keessatti ijaarsise.20Worra Israa'eloota hin te'in Amoorota, Heetota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota achitti hafane mara,21worra Israa'elooti sanyii isaanii balleessuu dadhabanee, lafa san keessatti hafane mara, haga adhaa Solomoon garboolee hujii hunnaa isaaf hujanu godhate.22Namoota Israa'elii ammoo loltoota, qondaaltota mootumma'aa, qondaaltota ifii, ajajjoota shantamaa, ajajjoota loltoota garreettaa fardaan harkifamuutii fi ajajjoota abbootii fardaa godhate malee, Israa'eloota keessaa eennulle garba hin godhane.23Solomoon itti gaafatantoota hojjattootaa, namoota dhibba shanii fi shantama qabaayyu.24Solomoon haadha manaa ifii intala mooticha Gibxi'ii, qachaa Daawitii keessaa baasee, mana mootummaa ifii ka isi'iif ijaarsisetti galcheen duuba kaabii, «Miiloo» jedhantu guuchisiise.25Solomoon wogga'atti yennaa sad kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa hixaana woliin, fuula Mootii Waan Maraa duratti, addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraatiif ijaare irratti dhikeesse; akka kanaan Galma Mootii Waan Maraa ijaaree fixe.26Mootichi Solomoon ammalle biyya Edoomii keessatti, qachaa Eziyon-Geberii ka qarqara abbaayaa diintu'uu, ka qachaa Elootii bira jirutti hoboloota gugurdoo hujisiise.27Mootiin Xiiroosii Hiiraam tajaajiltoota ifii, ta hoboloo guddittii oofanu, worra haala abbaaya'aa beekanu, tajaajiltoota Solomoonii woliin hoboloo keessa akka tajaajilanu erge.28Isaanille hoboloo gudditti'iin biyya Ofiirii dhaqanee, worqii kiiloogiraama kuma afur caaltu fidanee, mooticha Solomooniif kennane.