1Jechi Mootii Waan Maraa gara Yehuu raagicha ilma Haanaanii dhufee marroo mooticha Baa'isha'aa dubbatee,2«Ani bukuu keessaa si kaasee, sooressa kolbaa tiyya Israa'elii si godheera; ati ammoo akka Yerobi'aamii cubbuu hujjee, kolbaan tiyyalle cubbuu hujjee, cubbuu ifiitiin akka na aarsitu gooteerta.3Tanaaf ani akkuma maatii Yerobi'aamii ilma Nebaatii balleesse, si'ii fi maatii teeti hin balleessa.4Maatii teeti keessaa worra qachaa keessatti du'u mara, sareen hin nyaatti; worra qacha'aan alatti du'u mara, allaatiin hin nyaatti» jedhe.5Wonni dhibiin ta mootichi Baa'ishaan huje martii fi milkayiis isaa, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.6Mootichi Baa'ishaan du'ee, qachaa Tiirza'aa keessatti awwaalame; ilmi isaa Elaan addee isaatitti mootii te'e.7Mootichi Baa'ishaan, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujee, akkuma maatii Yerobi'aamii waan hantuu huje saniin Mootii Waan Maraa aarsee, maatii Yerobi'aamiille ijjeesee waan fixeef, jechi Mootii Waan Maraa karaa raagicha Yehuu ilma Haannaaniitiin isaa fi maatii isaa irratti dhufe.
Mootii Israa'elii Elaa
8Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa diddamii jayeesso'ootitti, ilmi Baa'ishaa Elaan Israa'el irratti mootii te'ee, qachaa Tiiza'aa keessa tee'ee, woggaa lama bulche.9Qondaaltota isaa keessaa tokko ka, «Ziimri» jedhamu, ajajaan gamisa garreettaa isaa ka fardaan harkifamuu, isa irratti mala dhowe. Yennaa san mootichi Elaan qachaa Tiirza'aa keessatti, mana Aarza'aa ka itti gaafatamaa mana mootumma'aa keessatti unee machoweeraayyu.10Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa diddamii torbeesso'ootitti, Ziimri mana seenee Elaa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e.11Ziimri mootii te'ee, barcumaa mootumma'aa irra akkuma tee'een, maatii Baa'ishaa mara ijjeesee fixe; inni fira yookiin jaalota isaa keessaa dhiira tokkolle adoo hin hamburin fixe.12Maarre Ziimri akkuma jechi Mootii Waan Maraa, karaa raagicha Yehuutiin marroo mooticha Baa'isha'aa dubbate, maatii Baa'ishaa mara balleesse.13Baa'ishaa fi ilmi isaa Elaan waaqota dharaa ka woy hin baane waaqonfatiisaan cubbuu hujanee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhanee, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii waan aarsaneef, tun teete.14Wonni dhibiin ta mootichi Elaan huje marti, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.Mootii Israa'elii Ziimri
15Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa diddamii torbeesso'ootitti, Ziimri qachaa Tiirza'aa keessa tee'ee, guyyaa torba callaa bulche; yennaa san loltooti Israa'elii, qachaa worra Filisxeemotaa, Giibetoon marsitee achi qubatteerti.16Loltooti Israa'eloota ta addee quttumaa jirtu, Ziimri mala dhowee mooticha akka ijjeese yennaa dhageette, guyyuma san, addee quttumaa san keessatti ajajaa ifii Omiri Israa'el irratti mootii godhane.17Achiin duuba Omiri, loltoota ifii mara woliin qachaa Giibetoonii lakkisee, dhaqee qachaa Tiirza'aa marse.18Ziimri qachaan akka qabame yennaa dhagge, mana mootumma'aa ka dalleya dhaka'aa qabu san ol seenee, mana mootumma'aa san ifi irratti gubee, ibidda saniin du'e.19Inni akkuma Yerobi'aamii fuula Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju waan godheef tun teete.20Wonni dhibiin ta mootichi Ziimri hujee fi finqilli inni kaase, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.Mootii Israa'elii Omiri
21Achiin duuba kolbaan Israa'elii addee lamatti qoodante; kolbaan gamisi ilma Giinatii Tiibnii mootii godhatiisa barbaadde; worri gamisi Omiri mootii godhatiisa barbaade.22Kolbaan Omiri hordotte ammoo, kolbaa ilma Giinatii Tiibnii hordotte injifatte; maarre Tiibni du'ee, Omiri mootii te'e.23Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa soddomii tokkeesso'ootitti, Omiri mootii Israa'elii te'ee, woggaa kudhanii lama bulche; woggoota tana keessaa woggoota jaa qachaa Tiirza'aa keessa tee'ee bulche.24Inni kooba Shamroonii meetii kuma jaan namicha, «Shemeri» jedhamu irraa bitatee, qachaa irratti ijaaree, qachaa san maqaa Shemerii ka abbaa kooba san gurgureetiin, «Samaariyaa» jedhee moggaase.25Omiri mootota isaan qaraa mara caalaa, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.26Inni akkuma Yerobi'aamiin ilmi Nebaatii cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka hujju godhee, waaqota dharaa ka woy hin baane waaqonfatiisaan Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka aarsanu godhe san mara huje.27Wonni dhibiin ta mootichi Omiri huje marti, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.28Omiri du'ee qachaa Samaariya'aatitti awwaalame; ilmi isaa Ahaab addee isaatitti mootii te'e.Mootii Israa'elii Ahaab
29Aasaan mootii Yihuda'aa te'ee woggaa soddomii saddeetesso'ootitti, ilmi Omirii Ahaab Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa diddamii lama Israa'el bulche.30Ilmi Omirii Ahaab mootota isaan qaraa mara caalaa, fuula Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.31Inni cubbuu mootichi ilmi Nebaatii Yerobi'aam huje akka waan kaso'ootitti ilaalee, ifille'eef cubbuma san huje; itti dabaleelle intala Etba'aalii mooticha Sidoonii Iizaabel fuudhee, waaqa dharaa Ba'aal tajaajiliisaa fi waaqonfatiisa jalqabe.32Inni Samaariyaa keessatti waaqa dharaa Ba'aaliif galma ijaaree, achi keessatti addee ciinca'aa huje.33Inni ammalle utubaa waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu hujee, mootota Israa'elii ta isaan qaraa mara caalaa cubbuu hujee, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii aarse.34Bara Ahaabii keessa, nami qachaa Bet'elii Hii'el qachaa Yeriko'oo deebisee ijaare. Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Iyaasuu ilma Nuniitiin dubbate, guyyaa Hii'el hundee qachaa Yeriko'oo dhaabe, ilmi angafichi isaa Abiiram du'e; guyyaa inni karra qachaa sanii baase, ilmi isaa maandhich Seguub du'e.