1 Moototaa14gax_twf

Du'a Ilma Yerobi'aamii

1Bara san ilmi Yerobi'aamii Abiiyaan dhibame.2Mootichi Yerobi'aam haadha manaa ifiitiin, «Ka'iitii, haadha manaa tiyya akka teete nami tokkolle akka si hin beennetti uffadhuutii, gara addee raagichi Ahiiyaan, ka kolbaa tana irratti akka ani mootii te'u natti hime jiruu, Shiiloo dhaqi.3Yennaa dhaxxu daabboo xaltaa kudhan, bixee zayitii dibante diqqoo isi'iitii fi damma okkotee tokko qabadhuutii gara isaa dhaqi. Inni waan ilmi keenna te'uuf jiru si'itti hin hima» jedhe.4Maarre haati manaa Yerobi'aamiille akkuma inni jedhe gootee, gara qachaa Shiilo'oo gara mana Ahiiya'aa dhaxxe. Ahiiyaan waan dulloomeeruuf ilti isaa dhaggiisa dadhaddeertiiyyu.5Mootiin Waan Maraa ammoo, «Kunoo, haati manaa Yerobi'aamii, ilmi isi'ii waan dhibameeruuf, marroo isaa si gaafatiisaaf dhufaarti. Ati, ‹Akkas, akkas› jedhiitii deebii isi'iif kenni. «Isiin nama dhibii ifi fakkeessitee, gara keeti hin dhutti» jedhee raagicha Ahiiya'atti hime.6Raagichi Ahiiyaan ammoo, ijjata isi'ii balbala irratti yennaa dhage'e, «Haadha manaa Yerobi'aamii, ol seen! Ati maaf nama dhibii ifi fakkeessita? Ani oduu badduu sitti himiisaaf ergameera.7Dhaqiitii waan Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii jedhu, Yerobi'aamitti himi! Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani odduu kolba'aatii si filee, kolbaa tiyya Israa'el irratti sooressa si godhe.8Ani mootummaa sanyii Daawitii irraa fuudhee si'iif kenne; ati ammoo akka tajaajilaa kiyya Daawitii, ka ajaja kiyya eegatee, gadhaa tokkochaan na hordofee, fuula kiyya duratti waan sirrii te'e hujee hin teene.9Ati sibiila baqsiifame irraa waaqota dhibii, waaqota dharaa hujisiittee, na aarsitee mootota si'iin duraa caalaa, waan hantuu hujjee, dudda natti galte.10Tanaaf ani maatii Yerobi'aamii irratti badii hin fida; maatii isaa ka garba te'e yookiin ka garba hin te'in, ilmaan dhiiraa ta isaa mara Israa'el keessaa hin balleessa; akkuma nami kosii gubee balleessu, anille maatii Yerobi'aamii hin balleessa.11Maatii isaa worra qachaa keessatti du'u mara sareen hin nyaatti; worra qacha'aan alatti du'u allaattiin hin nyaatti; ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera› jedha» jedhe.12Achiin duuba Ahiiyaan haadha manaa Yerobi'aamiitiin, «Ati gara mana keetii deebi'i; akkuma ati qachaa seenteen ilmi keeti hin du'a.13Israa'elooti marti isaaf bowanee, isa hin awwaalan; maatii Yerobi'aamii keessaa, nami Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii itti gammade, isa qofa waan te'eef, isa qofatti awwaala dansaa dhaggata.14Mootiin Waan Maraa mootii haareya Israa'el irratti mootii te'ee, adhuma maatii Yerobi'aamii ijjumaa balleessu hin mootonsa; Tun ammuma hin teeti.15Israa'elooti utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantuu hujanee, Mootii Waan Maraa waan aarsaneef, inni isaan adabee akka shonbooqqoo bisaan keessaa isaan hin raasa; lafa dansaa abbootii isaanii ta duriitiif kenne keessalle'ee isaan ari'ee, laga Efraaxiisiitiin gamatti isaan hin bittinneessa.16Yerobi'aam cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka huju waan godheef, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii hin lakkisa» jedhe.17Haati manaa Yerobi'aamii kaatee, gara qachaa Tiirza'aa deebite; akkuma isiin gulantaa balbalaa irra geetteen, ilmi isi'ii du'e.18Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa tajaajilaa ifii raagicha Ahiiya'aatiin dubbate, Israa'elooti marti bowanee, isa awwaalane.19Wonni dhibiin ta mootichi Yerobi'aam huje, attam akka lolee fi akka bulche, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.20Yerobi'aam mootii te'ee woggaa diddamii lama bulcheen duuba du'e; addee isaatitti ilmi isaa Naadaab mootii te'e.

Mootii Yihuda'aa Rehobiyaam

21Ilmi Solomoonii Rehobiyaam biyya Yihuda'aatitti mootii yennaa te'e, nama woggaa afurtamii tokkoo ti; inni qachaa Yerusaalemii ka Mootiin Waan Maraa maqaan isaa akka itti waamamuuf, qachoota gosa Israa'elii mara keessaa filate keessa tee'ee, woggaa kudha torba bulche; haati Rehobiyaamii «Na'aamaa» jedhanti; isiin nama biyya Amoonii ti.22Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; isaan cubbuu hujane saniin, abbootii ifii ta durii caalaa aarii Mootii Waan Maraa ta hinaaffa'aa kakkaasane.23Isaan koobota dhedheertuu mara irratti addee waaqonfanna'aa, soodduu akka woyyu'uutitti ilaalanu, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu, gaaddisa muka banqaaqa'aa mara jalalle'etti hujatane.24Lafa san keessa galmi dhiirti keessatti wol bukkoonsituuyyuu jira. Isaan akkuma kolbaa gosa biyya adda addaa, ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baasee, waan Mootii Waan Maraa diqachiisubacaa hujane.25Rehobiyaam mootii te'ee woggaa shaneesso'ootitti, mootichi biyya Gibxi'ii Shiishaaq qachaa Yerusaalemii lole.26Inni qabeenna Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa keessa jiru mara, wontee mootichi Solomoon worqii irraa hujisiise maralle fudhate.27Maarre mootichi Rehobiyaam, addee wontee worqi'ii san, wontee sageettu'uu hujisiisee, ajajjoota eeddota seensuma dalleya mana mootumma'aa eeganutti kenne.28Yennaa mootichi gara Galma Waaqaa dhufu mara, eeddoti wontee san fudhatanee qabatan; achiin duuba wontee san, gara kolloo eeddotaatitti deebisan.29Wonni dhibiin ta mootichi Rehobiyaam huje marti, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.30Rehobiyaamii fi Yerobi'aam bara ifii mara wol lolaa turane.31Rehobiyaam du'ee, qachaa Daawitii keessatti addee awwaala abbootii ifiititti awwaalame; haati Rehobiyaamii «Na'aamaa» jedhanti; isiin nama biyya Amoonii ti. Ilmi isaa Abiiyaan addee isaatitti mootii te'e.