1Yesuus Masiihii akka te'e nami dhugeeffatu maraa ilma Waaqaa ti; nami Abbaa jaalatu, ilma isaalle hin jaalata.2Waaqa yennaa jaalannuu fi ajaja isaatiif ajajannu, ijoollee Waaqaa jaalachuu keenna tanaan beenna.3Waaqa jaalachuu jechuulle ajaja isaatiif ajajamiisa; ajaji isaalle ulfaata'aa moti.4Sababille nami Ilma Waaqaa te'e maraa biyya lafaa hin injifata. Hunni nuuti ittiin biyya lafaa injifannu tunille, dhugeeffannaa teenna.5Eentu biyya lafaa injifatuu dande'a? Yesuus Ilma Waaqaa akka te'e nama dhugeeffatu calla'atti biyya lafaa injifatuu dande'a.
Worra Yesuus Kiristoosiif Dhugaa Bayane
6Ka bisaan cuuphama isaa akeekuu fi dhiiga du'a isaa akeekuun dhufe kun Yesuus Kiristoos. Inni bisaanii fi dhiigaan dhufe malee, bisaan calla'aan hin dhunne. Ayyaanni dhugaa waan te'eef, Ayyaanni ifiifuu tun dhugaa akka teete dhugaa baya.7Dhugaa baatoti sad jiran;8isaanille Ayyaana, bisaanii fi dhiiga; isaan sadiin kun wolii galan.9Nuuti dhugaa baya namaa hin dhugeeffanna; dhugaa bayiisi Waaqaa ammoo, tana caalti. Dhugaan Waaqaa tun ta inni Ilma ifiitiif dhugaa baye.10Nami Ilma Waaqaatitti dhugeeffatu, dhugaa baya tana ifi keessaa qaba; nami Waaqa hin dhugeeffanne ammoo, dhugaa baya Waaqi Ilma ifiitiif baye dhugeeffatiisa waan dhabeef, Waaqa dharaamessa godheera.11Dhugaan inni baye tana: Waaqi jiruu bara baraa nu'uuf kenneera, jiruun tun Ilma isaa keessa jirti.12Nami Ilma Waaqaa qabu jiruu qaba; nami Ilma Waaqaa hin qanne jiruu hin qabu.
Jiruu Bara Baraa
13Isin worri maqaa Ilma Waaqaatitti dhugeeffattanu, jiruu bara baraa akka qaddanu akka beettanuuf, ani tana mara isiniif barreessa.14Waaqa dura dhikaatiisaaf ifi-addiin nuuti qannu tana: waan mara akka fedha isaa yoo isa gaafanne inni nu hin dhage'a.15Waan isa gaafannu mara akka inni nu'uu dhage'u yoo beenne, yennaa isa gaafannu mara akka fudhannu hin beenna.16Eennulle obboleessi isaa cubbuu du'atti [bara baraatitti] isa hin geessine hujuun yoo dhagge, isaaf daadimatuu ti. Waaqi jiruu bara baraa nama saniif hin kenna. Tun worra cubbuu du'a [bara baraatitti] isaan hin geessine hujane calla'aaf teeti. Cubbuun du'a [bara baraatitti] nama geessittu jirti, ta akkanaatiif daadimadhu isaan hin jedhu.17Balleessaan marti cubbu'u; ammoo cubbuun du'a [bara baraatitti] nama hin geessine jirti.18Ijoolleen Waaqaa cubbuu hujaa hin teettu; Ilmi Waaqaa waan isaan tissuuf hamaalessi isaan miidhu'uuf hin dande'u.19Nuuti ijoollee Waaqaa akka teenee fi biyyi lafaa duudiin hunna hamaalessaa jala akka jirtu hin beenna.20Ilmi Waaqaa dhufee Waaqa dhugaamessa akka beennuuf, hubantii akka nu'uuf kenne hin beenna. Nuuti Waaqa dhugaamessaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos keessa leena. Waaqi dhugaamessi kana, jiruun bara baraalle tana.21Ijoollee tiyya, waaqota dharaameyyii irraa ifi eeggadha'a!