Ijoollee Waaqaa
1Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala'a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu.2Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te'uu malee yennaa Kiristoos deebi'ee dhufuakkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna.3Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa.4Cubbuun seera balleessiisa waan teeteef, nami cubbuu huju mara seera Waaqaa balleessee yakka.5Kiristoos cubbuu teenna balleessiisaaf akka dhufee fi ifii ammoo akka cubbuu hin qanne isin hin beettan.6Nami Kiristoosiin le'u cubbuu hin huju; nami cubbuu huju isa hin dhaggine, yookiin isaa hin beenne.7Ijoolle! Eennulle me isin sobuu ti! Akkuma Kiristoos balchaa te'e, nami balchummaa huju balcha'a.8Durriisi jalqabaa jalqabee cubbuu waan hujuuf, nami cubbuu huju maraa ilma Durriisaa ti. Ilmi Waaqaa hujii Durriisaa balleessiisaaf mudhate.9Nami Waaqa irraa dhalate adabiWaaqaa isa keessa waan jiraatuuf cubbuu hin huju, hujiisaafille hin dande'u.10Nami balchummaa hin hunyee fi nami obboleessa ifii hin jaalanne mara ka Waaqaatii moti; ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen Durriisaa kanaan gargar baafamanee beekkaman.Wol Jaaladha'a
11Ergaan isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane, «Wol jaalatuu qanna» ta jettu tana.12Akka Qaayinii te'uu hin qannu; inni ka hamaalessaa te'ee obboleessa ifii ijjeese. Inni maaf isa ijjeese? Hujiin isaa hantuu teetee, hujiin obboleessa isaa balchittii waan teeteef isa ijjeese.13Obboleeyyan tiyya! Kolbaan biyya lafaa yoo isin jibbite hin maadeffatina'a!14Nuuti obboleeyyan teenna waan jaalanuuf du'a keessaa gara jiru'uutitti akka dabarre hin beenna. Nami nama hin jaalane du'a keessatti hafa.15Nami obboleessa ifii jibbu, nama nama ijjeese; nami nama ijjeese, jiruu bara baraa akka ifi keessaa hin qanne isinuu hin beettan.16Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu'uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna.17Nami karra qabu tokko obboleessi isaa rakkatuun dhaggaa yoo gadhaa itti jabaate, attamiin jaalaltiin Waaqaa isa keessa jiraatti ree?18Ijoolle! Dubbi'iin yookiin afaan calla'aan adoo hin te'in, huji'ii fi dhuga'aan wol jaalannuu ti.Waaqa Duratti Ifi-addii Nuuti Qannu
19Nuuti ka dhuga'aa te'uu keennaa fi fuula Waaqaa dura ifi-addi'iin dhikaatu'uuf akka dandeennu tanaan beenna.20Yennaa wodanaan keenna nutti muru maraa, Waaqi wodanaa keenna waan caaluuf, waan maraa beeka.21Jaalota tiyya! Yoo wodanaan keenna nutti muruu dhabe, Waaqa duratti ifi-addii qanna.22Nuuti ajaja Waaqaatiif waan ajajannuu fi waan isa gammachiisu waan hunyuuf, waan isa gaafanne maraa isa irraa hin fudhanna.23Ajaji Waaqaa, Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffannuu fi akkuma inni nu ajaje akka wol jaalannu.24Worri ajaja Waaqaatiif ajajamu Waaqaan le'a; Waaqille isaan keessa le'a. Ayyaana inni nu'uuf kenneen, akka Waaqi nu keessa jiru beenna.