1Marroo jecha jiru'uu ka jalqabaa jalqabee jiruu, ka gurra keennaan dhageenne, ka ila teennaan dhaggine, ka ilaallee fi ka harka keennaan qaqqannee isiniif barreessina.2Jiruun tun mudhifanteerti; nuutille dhaggineerra, dhugaalle hin baana. Jiruu bara baraa ta Abbaa woliin turtee, nu'utti mudhifante tana isinitti hinna.3Isinille nu woliin tokkummaa akka qabaattanuuf, waan dhagginee fi waan dhageenne isinitti hinna; tokkummaan teennalle Abba'aa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos woliin.4Gammadi keenna guutuu akka te'uuf tana barreessina.
Waaqi Ifa
5Ergaan nuuti isa irraa dhageennee isinitti hinnu, «Waaqi ifa; dukkanti isa keessa ijjumaa hin jirtu» ta jettu tana.6Waaqa woliin tokkummaa qanna jedhaa, dukkana keessa yoo deddeebine hin sonna; dhugaan nu keessa hin jirtu.7Ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nuutille ifa keessa yoo deddeebine woli woliif tokkummaa qanna; dhiigi Ilma isaa ka Yesuusii, cubbuu teenna mara irraa nu qulleessa.8Cubbuu hin qannu yoo jenne ifi sonna; dhugaalle nu keessa hin jirtu.9Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama'aa fi qajeelaawaan te'eef cubbuu teenna nu'uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle'ee nu hin qulleessa.10Nuuti cubbuu hunyee hin jirru yoo jenne, Waaqa dharaamessa goona; jechi isaalle nu keessa hin jiru.