1 Worra Qorontoosii8gax_twf

Horii Waaqota Dharaatiif Qalame

1Marroo horii waaqota dharaatiif qalamee gaaffii na gaafattane ilaalchisee: Nuuti marti beekkumsa akka qannu hin beenna. Beekkumsi akkasii nama bondhoorsa; jaalalli ammoo hin jabeessa.2Nami wo beeka ifiin jedhu, haga beeku'uu maleeyyuu hin beenne.3Nami Waaqa jaalatu ammoo Waaqaan ka beekkame te'a.4Maarre, marroo horii waaqota dharaatiif qalame nyaatiisaa yoo teete, waaqi dharaa dhugumaan jireenna akka hin qanne, akkasuma Waaqa tokkocha malee ka dhibiin akka hin jirre hin beenna.5Adoo Waaqa hin te'in waaqota jedhamanee, waaqotii fi goottoti waamamanu hedduun ol-gubba'aa fi lafa irra jiran yoo jedhamanelle,6nu'uuf ammoo Waaqa tokkocha calla'atti jira. Inni Waaqa Abbaa wonni duuchiin isaan dadantee fi nuutille isaaf jiraannu; akkasuma Goottaan, Yesuus Kiristoos calla'a. Inni ka wonni duudiin karaa isaatiin dadantee fi ka nuuti karaa isaatiin jiraannu.7Nami marti ammoo dhugaa tana hin beeku. Worri gariin haga ammaa waaqota dharaa waaqonfatiisa waan barataneef, foon horii qalamee san yennaa nyaatanu, akka foon waaqota dharaatiif qalameetitti yaadatan; wodanaan isaaniille dadhabaa waan te'eef hin battowan.8Sagaleen gara Waaqaa nu hin dhiyeessitu; yoo nyaatuu dhanne womaa nu irraa hin dhidhatu; yoo nyaannelle womaa nu'uuf hin ede'amu.9Bilisummaan teessan tun ammoo, worra dhugeeffanna'aan hin jabaatiniif gufuu akka hin teene ifi eegadha'a.10Ani beekkumsa qaba jettee galma waaqota dharaa keessatti ati nyaatiisatti jirtuun, nami wodanaan isaa dadhabaa te'e tokko yoo si dhagge, wonni kun akka inni horii waaqota dharaatiif qalame nyaatuuf isa hin kakkaachuu?11Maarre nami dhugeeffanna'aan hin jabaatin, obboleessa keeti ka te'e, ka Kiristoos du'eef sababa beekkumsa keetiitiin bada.12Karaa kanaan kiristaana dhibii yakkiisaa fi wodanaa isaanii dadhaba madeessiisaan Kiristoos yakkitan.13Tanaaf wonni ani nyaadhu obboleessa kiyya ta gufaachiittu yoo teete, isa akka hin gufachiinneef jedhee ijjumaa foon hin nyaadhu.