1 Worra Qorontoosii15gax_twf

Du'aa Ka'iisa Kiristoosii

1Amma obboleeyyan tiyya! Oduu Gammadaa ta ani isinitti lallabeeruun fudhattanee, itti jabaattanee dhaabbattane, isin qaabachiisuu fedha.2Oduu Gammadaa ta ani isinitti lallabe jabeessitanee yoo qabattane, ittiin hin fayyitan; yoo san te'uu dhadde ammoo, dhugeeffannaan teessan gatii hin qaddu.3Ani waan ifiif fudhadhe ka waan duudii caalu isinii dabarseera; wonni ani isinii dabarselle: akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreenfante Kiristoos cubbuu teennaaf du'ee,4awwaalamee, akkuma Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffantetti, guyyaa sadiin duuba du'aa ka'eera ta jettu.5Inni Pheexroositti mudhattee, achiin duuba barattoota ifii kudhanii lamatti mudhate.6Saniin duuba hordofattoota ifii ka dhibba shaniin ol te'anutti yennaa tokkotti mudhate; hedduun isaanii haga ammaa hin jiran; gariin ammoo du'aneeran.7Yaaqoobitti mudhateen duuba ammoo, ergantoota maratti mudhate.8Muummee irratti ana nama akka sadheessaa te'elle'etti mudhate.9Ani ergantoota duudii keessaa diqqa'a; wolde'a Kiristaanaa ka Waaqaa irralle'etti waan miidhaa geessiseeruuf ergamaa jedhamiisaaf nama te'uu moti.10Amma ammoo badhaadha Waaqaatiin akka amma te'e kana te'ee dhaggama; badhaadhi inni naaf kennelle akkanumaan hin hanne. Ani ergantoota taan caalaa dadhabee hujeera; tana ka huje badhaadha Waaqaa ka na woliin jiru malee, anaa moti.11Maarre analle te'e isaan, woma kana lallanna; isinille waanuma kana dhugeeffattane.

Du'aa Ka'iisa Worra Du'ee

12Kiristoos du'aa akka ka'e eega lallabame, isin keessaa worri gariin attamiin du'aa ka'iis worra du'ee hin jiru jedhan ree?13Du'aa ka'iis worra du'ee yoo hin jiraatin, Kiristoosille du'aa hin kaane jechu'u.14Kiristoosille yoo du'aa ka'ee hin jirre teete, lallabi keenna gatii hin qabu; dhugeeffannaan teessanille gatii hin qaddu jechu'u.15Waaqi, Kiristoos du'aa kaaseera jennee, dhugaa bayiisa keennaan dhugaa baatota Waaqaa, dharaameyyii teenee dhagganneerra. Worri du'e dhugumaan du'aa ka hin kaane yoo te'e, Waaqi ammoo Kiristoos du'aa hin kaanne jechu'u.16Sababille worri du'e ka hin kaafanne yoo te'e, Kiristoosille du'aa ka'ee hin jiru.17Kiristoos yoo du'aa kaafamee hin jirre teete, dhugeeffannaan teessan gatii hin qaddu; haga ammaan tanaalle cubbu'uun jirtan.18Yoo akkana teete worri Kiristoositti dhugeeffatee du'e badeera jechu'u.19Jiruu biyya lafaa tana calla'aaf Kiristoositti yoo addannee jiraanne, namoota duudii caalaa ka nayuu qabanuuf nu'u.20Kiristoos ammoo dhugumaan du'aa ka'ee, worra du'eef angafa te'ee du'aa ka'a isaanille mirkaneesse.21Duuti karaa nama tokkootiin akkuma dhutte, du'aa ka'iis worra du'eelle karaa nama tokkootiin dhutte.22Nami marti akkuma Addaamiin du'u, akkasuma nami marti Kiristoosiin jiruu hin dhaggata.23Tun tokko tokkoofuu badoo badoo'oonuu teeti; Kiristoos du'aa ka'ee angafa akkuma te'e, worri ka Kiristoosii te'anelle, yennaa inni dhufu du'aa hin ka'an.24Achiin duuba Kiristoos bulchitoota, worra baallii qabuu fi hunna qabu balleessee, mootummaa Waaqa Abba'atti yennaa kennu, muummeen biyya lafaa hin teeti.25Waaqi diinota isaa mara miila isaa jala haga keyutti, Kiristoos mowuu qaba.26Diinni injifatamee muummee irratti badu du'a.27Barreeffam Woyyichi, «Waaqi waan mara miila isaatiin jala godheera» jedha. «Waan duudii miila isaatiin jala godheera» yennaa jedhu, Waaqi waan duudii miila Kiristoosiitiin jala godhe, ifiif ammoo miila jala akka hin galiin ifa.28Wonni duudiin baallii Kiristoosiitiin jala teeteen duuba, Ilminuu Waaqa waan duudii isaan jala godhe jala ifi godha; Waaqille waan mara guutumatti hin bulcha.29Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, namooti marroo worra du'eetiif jedhanee cuuphamanu bu'aan isaanii maan ree? Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, kolbaan tun maaf addee isaanii cuuphanti ree?30Nuutille maaf yennaa mara balaa keessa ifi galchina ree?31Obboleeyyan tiyya! Guyyaa guyya'aanuu duuti na dhaqqaddi. Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isiniin waan ifi jajuuf, ani tana isinitti hima.32Akka yaada namaa qofaan, Efesoon keessatti bineensaan wol loluun kiyya bu'aan maan ree? Worri du'e ka hin kaane yoo te'e, «Boru waan duunuuf, kowa'a hin nyaanna, hin unna» akkuma jedhante te'uu isi'ii ti.33Hin gowwoomina'a. «Hari'aan badduun amala dansaa balleessiti».34Gara qalbii teessanii deebi'a'a. Cubbuulle hin hujina'a. Isin keessaa worri gariin ka Waaqa hin beenne jira. Ani isin qaanessiisaaf tana dubbadha.

Nafa Du'aa Ka'e

35Nami tokko, «Worri du'e attamiin ka'a? Yennaa du'aa ka'anu nafa attamii qabaatan ree?» jedhee gaafata fa'a.36Ati gowwa'a! Midhaan ati facaattu yoo du'emalee, mudhee jiruu hin qabaatu.37Sanyiin qamadi'ii yookiin midhaan dhibiin ka ati facaattu, sanyuma qofa malee, nafa midhaanii ka latu sanii moti.38Waaqi ammoo akka jaalatetti nafa hin kennaaf; tokko tokkoofille akkuma gosa sanyi'iititti nafa hin kennaaf.39Foon marti tokkoo moti; foon namaa gosa tokko; foon bineensaa ka dhibi'i; ka sinbirrootaa ka dhibi'i; ka qurxummi'iille ka dhibi'i.40Nafi worra ol-gubba'aa jira; nafi worra lafaalle jira. Teetuu malee ulfinni nafa worra ol-gubba'aa gosa tokko; ulfinni nafa worra lafaalle gosa dhibi'i.41Ulfinni adu'uu gosa tokko; ulfinni ji'aa ka dhibi'i; ulfinni urjootaalle gosa dhibi'i; urjiin takka ulfinna urjii dhibi'ii irraa adda te'e qaddi.42Ka'iis worra du'eelle akkasuma te'a. Nafi du'ee awwaalamee badu, nafa jiraataa hin banne te'ee ka'a.43Nafi salphinnaan awwaalame, ulfinnaan hin ka'a; nafi dadhabaan awwaalame, hunnaamessa te'ee hin ka'a.44Nafa foonii te'ee ka awwaalame nafa ayyaanticha te'ee hin ka'a. Maarre nafi foonii eega jiraate, nafi ayyaantichille jira.45Barreeffam woyyichi, «Nami qaraa Addaam foon jiruu qabu te'e» jedha; Addaamiin duuba ammoo, Ayyaana jiruu kennu te'e.46Ka dura dhufe nafa fooniiti malee, nafa ayyaantichaa moti. Nafi ayyaantichi nafa foonii saniin duuba dhufe.47Nami duraa Addaam lafa irraa waan dadameef, nama biyya lafaati; namichi lammeesso'oo ol-gubbaa irraa dhufe.48Worra lafaa ka te'ane, namicha lafa irraa dadame fakkaatan; worra ol-gubba'aa ka te'ane nama ol-gubba'aa dhufe fakkaatan.49Nafa nama lafa irraa dadamee akkuma fakkaannu, akkasuma nafa nama ol-gubba'aalle hin fakkaanna.50Obboleeyyan tiyya! Nami foonii fi dhiigaan mootummaa Waaqaa dhaaluu akka hin dandeenne, yookiin nafi du'aan badu nafa jiraataa hin banne akka hin dhaalle isinitti hima.51Ani dhossaa takka isinitti hima. Nuuti maraa hin jijjiiranna malee hin duunu.52Tultullaan muumme'ee yennaa afuufamu, nuuti akka lipheettii ilaa takkumaan hin jijjiiranna. Tultullaan hin afuufama; worri du'e ka hin banne te'ee hin ka'a; nuutille hin jijjiiranna.53Nafi badu kun ka hin banne, nafi du'u kunille ka hin duune uffatuu qaba.54Maarre nafi badu kun ka hin banne, nafi du'u kunille ka hin duune yennaa uffatu, Barreeffam woyyichi, «Duuti injifacha'aan liqinfante»;55akkasuma,«Du'a! Injifannaan teeti meet?Du'a! Hunni ati namaan miitu meet?»jedhu hin muummowa.56Hunni ilkattii du'aa cubbu'u; hunni cubbu'uulle seera.57Ammoo Waaqa Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin injifachaa nu'uu kennuuf galanni te'u!58Tanaaf obboleeyyan tiyya ta jaalatantane! Jabaadha'aa dhaabbadha'a. Waan tokkolle'een hin daaqina'a. Hujii Gootta'aatiif ka dadhaddanu toluma akka hin te'in beeka'aatii, yennaa mara hujii Gootta'aa hujiisaaf jabaadha'a.