1CO10gax_twf

Waaqota Dharaa Hin Waaqonfatina'a

1Obboleeyyan tiyya! Akka abbootii teenna duumensi isaaniin gubbaa jiraatee sooressee fi akka isaan martinuu abbaayaa diintuu keessa qaxxaamurane isin qaabachiisuu fedha.2Isaan duudiin hordofattoota Muuse'ee te'iisaaf duumensaa fi Abbaayaa guddoo tanatti cuuphamane.3Isaan martinuu sagalee ayyaanaa ta wol fakkaattu nyaatane.4Isaan martinuu unii ayyaanaa ta wol fakkaattu unaneeran. Uniin isaan unanelle rassaa ayyaanticha isaan hordofiisatti jiru irraa maddite; rassaan sunille kiristoos.5Teetuu malee, Waaqi isaan keessaa worra heddu'utti waan hin gammadiniif reeffi isaanii goomolee keessatti bittinnowee hafe.6Isaan waan hantuu akka halchane, nuutille waan hantuu akka hin halchine wonni kun nu'uuf fakkeenna nu ifi eeggachiisu te'eera.7Akkuma Barreeffam Woyyichi, «Kolbaan nyaataa fi unto'oof teette; caaqaa sirbiisaafille kaate» jedhu, isinille akka isaan waaqota dharaa waaqonfatane, waaqota dharaa hin waaqonfatina'a.8Isaan keessaa worri gariin sagaagalee nami kum diddamii sad guyyaa tokkotti akkuma dhumate, nuutille sagaagaluu hin qannu.9Isaan keessaa gariin Goottaa haga ilaalane akkuma bofaan ijjeefamane, nuutille Goottaa haga ilaaluu hin qannu.10Isaan keessaa gariin gungumanee, ergamaa Waaqaa ka balleessuun akkuma badane isinille hin gungumina'a.11Wonni kun duudiin nu'uuf fakkeenna akka teetuuf isaan dhaqqadde; nu worra bara muumme'ee keessa jirruuf ammoo, ifi eeggannoo akka teetuuf barreeffante.12Tanaaf nami ani dhaabbadheera jedhee yaadatu, akka hin jinne ifi eegatuu ti.13Haga ilaallatam namatti dhufee hin beenne, isinitti hin dhunne. Waaqi addatamaa waan te'eef, akka hunna teessaniin ol haga ilaallatantanuuf isinitti hin lakkisu. Ammoo yennaa haga ilaallatantanu jabeenna ittiin ossattanu isinii kennaa, karaa keessaa baatanu isiniif qopheessa.14Maarre jaalota tiyya! Waaqota dharaa waaqonfatiisa irraa fagaadha'a.15Ani isin worra hubatu waan teetaneef dubbadha; waan ani dubbadhu isinuu mura'a.16Muduunuu yennaa Irbaata Gootta'aa fudhannu itti fayyadannu, ta Waaqalle galateeffannuuf keessaa yennaa unnu eebba dhiiga Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii? Daabboo caccaffannulle yennaa nyaannu eebba foon Kiristoosii fudhatiisatti jirraa motii?17Daabboon takkaan waan jirtuuf, nuuti hedduu teenulle, duudiin keenna daabboo takkaa irraa waan qoodannuuf nuuti nafa tokkocha.18Me kolbaa Israa'elii ilaala'a; worri waan ciinca'aaf dhikaatu nyaatu, tajaajila addee ciinca'aa qoodamiisatti hin jiruu ree?19Eegasuu, ciincaan waaqota dharaatiif dhiyaatu, yookiin waaqoti dharaatuu bu'aa qaban jechuu kiyyaa ree?20Waawwoo! Worri waaqota dharaa waaqonsu durriisaaf ciincaa dhikeessa malee, Waaqaafii moti. Akka isin durriisota woliin jaalontanuufille ani hin barbaadu.21Isin muduunuu Gootta'aa keessaa unaa, muduunuu durriisotaa keessalle'ee unuu hin dandeettanu; isin qorii Gootta'aa keessaa nyaataa, qorii durriisotaa keessalle'ee nyaatuu hin dandeettanu.22Yookiin nuuti Goottaa hinaassisaarraa ree? Nuuti isa caalaa jajjabaa ree?23«Wonni marti eeyyatanteerti» jedhama, ammoo wonni marti bu'aa hin qaddu. Wonni marti eeyyatanteerti; wonni marti ammoo hin jabeessitu.24Nami tokko tokkonuu bu'aa mataa ifii callaa barbaaduu adoo hin te'in, bu'aa worra dhibi'iitille'eef yaaduu ti.25Mama wodanaa keessan keessaa ka'u lakkisa'aatii, foon dikko'otti gurguramu duudii nyaadha'a.26Sababille akkuma Barreeffam Woyyichi jedhutti, «Lafaa fi wonni isii irra jiru duudiin ka Gootta'aa ti».27Nami hin dhugeeffatin tokko areerti'iif yoo isin waame, isinille dhaqiisaaf yoo murteeffattane, waan isin duratti dhiyaate, mama wodanaa keessan keessaa ka'u lakkisa'aatii nyaadha'a.28Ammoo nami tokko, «Kun waaqota dharaatiif ka ciinceffameeru» jedhee yoo isinitti hime, marroo namicha isinitti himeetii fi wodanaa isaatiif jedha'aatii hin nyaatina'a.29Wodanaa jechuun kiyya, wodanaa namicha sanii tuqa jechuu kiyya malee, wodanaa keessanii moti. Eegasuu sababa wodanaa nama dhibi'iitiif, bilisummaa tiyya irratti maaf muranti ree?30Ani Waaqa galateeffataa yoo nyaadhe, waan ittiin Waaqa galateeffadhuuf maaf komatama?31Maarre yennaa nyaattanulle te'e yennaa untanu, yookiin waan gootanu mara ulfinna Waaqaatiif godha'a.32Worra Yihudootaa yookiin worra Yihudoota hin te'in yookiin wolde'a Kiristaana Waaqaa hin gufachiisina'a.33Ani nami duudiin akka fayyuuf bu'aa worra dhibi'ii malee, bu'aa mataa kiyyaa adoo hin barbaadin, waan huju maraan nama akkuma gammachiisu isinille akkasuma godha'a.

No translations available.