1 Dabarsi'ii26gax_twf

Eeddota Karra Galma Waaqaa

1Worri karra Galma Waaqaa eeguu ka asii gad jiru: Fira Qoraahotaa, ilmaan Asaafii keessaa tokko Meshelemiyaa ilma Qoree ti.2Meshelemiyaan ilmaan torba uumate; angafichi Zakaariyaas; lammeessoon Yidiiya'el, sadeessoon Zabaadiyaa, arfeessoon Yatnii'el,3shaneessoon Elaam, jayeessoon Yihohaanaan, torbeessoon Elyo'enaayi.4Obed-Edoomille ilmaan uumate: Angafichi Shemaa'iyaa, lammeessoon Yihozaabaad, sadeessoon Yo'aa, arfeessoon Saakaar, shaneessoon Nataani'el,5jayeessoon Amii'el, torbeessoon Yisaakor, saddeetessoon Phe'ultaayi. Kanaan Waaqi isa eebbise.6Ilmi angafichi Obed-Edoomii Shemaa'iyaalle ilmaan jaa uumate; isaan dandeettii guddoo waan qabanuuf, sooreyyii maatii abbootii ifii te'ane.7Ilmaan Shemaa'iyaa: Otnii, Refaa'el, Obed, Elzaabaad, Eliihuu fi Semaakiya'a; obboleeyyan Elzaabaadii Eliihuunii fi Semaakiyaan dhiira gootota te'ane.8Isaan marti sanyii Obed-Edoomii ti; isaan, ilmaan isaaniitii fi firri isaanii marti worra dandeettii huji'ii qabu; sanyiin isaa wolumatti namoota jaatamii lama.9Meshelaam ilmaanii fi fira dandeettii qabanu namoota kudhanii saddeeti qabaayyu.10Sanyii Meraarii keessaa, Hosaah ilmaan afur uumate; isaan keessaa Shiimri sooressa; inni angafa te'uu dhabulle, abbaan isaa akka inni sooressa te'u godhe.11Lammeessoon Hilqiiyaa, sadeessoon Xabaliyaa, arfeessoon Zakaariyaas; ilmaan Hosaahiitii fi firri isaa wolumatti namoota kudhanii sad.12Eeddoti karraa tun akkuma Lewwoota dhibii Galma Mootii Waan Maraa keessa hujanuu, sooreyyii ifii jalatti ramadamanee, hujii Galma Mootii Waan Maraa hujiisaaf badoo qabaniiyyu.13Jaarsa, ijoollee adoo hin jedhin akka maatii abbootii ifiititti, karra tam akka eeganuuf hixaa buufatane.14Hixaan karra karaa aduun baatuu Shelemiif bu'e. Achiin duuba hixaan karra gara kaabaa ilma isaa ka namatti gorsiisa beeku Zakaariyaasiif,15hixaan karra kibbaa Obed-Edoomiif, hixaan mana meyaa ilmaan isaatiif,16hixaan karra gara aduun seentuutii fi karra Sheleketii ta karaa ol bayanu irraa, Shuphiimii fi Hosaahiif bu'e. Eeddotille badoo bado'oon eegane.17Guyyaa guyya'aan karra karaa aduun baatuu Lewwooti jaa, karra gara kaabaa Lewwooti afur, karra gara kibbaa Lewwooti afur, karra mana meyaa tokko tokko Lewwooti lama lama,18karaa gara badhinna dalleya keessaa gara aduun seentuu irratti Lewwooti afur, badhinna dalleya keessaa ka karaa aduun seentuu sanille Lewwoota lamatti eegaayyu.19Sanyii Qoraahiitii fi Meraarii keessaa eeddota karraa worri te'ane isaan kana.

Hujii Galma Waaqaa Ta Dhibii

20Lewwoota dhibii keessaa Akiyaan itti gaafatamaa qabeenna Galma Waaqaatii fi mana meya kennaa Waaqaaf adda baafamee ti.21Fira Gershoonii, ilmaan La'adaanii keessaa ka maatii La'adaanii irratti sooressa te'e Yehii'el,22Ilmaan Yehii'elii: Zetaamii fi obboleessi isaa Yo'el itti gaafatantoota qabeenna Galma Waaqaa ti.23Sanyii Amraamii, sanyii Yizhaarii, sanyii Kebrooniitii fi sanyii Uzii'elii keessaa namooti hujii tanatti hirmaataneeraniiyyu.24Sanyii Gershoomii ilma Muuse'ee keessaa Shubaa'el, itti gaafatamaa qabeenna Galma Waaqaa te'e.25Inni karaa obboleessa Gershoomii Elii'ezeriitiin Shelomootiif fira aantii isaa ti; Elii'ezer Rehaabiyaa uumate; Rehaabiyaan Yeshaa'iyaa uumate; Yishaa'iyaan Yoraam uumate; Yoraam Ziikri uumate; Ziikri Shelomoot uumate.26Shelomootii fi firri isaa meya Daawitiin mootichi, sooreyyiin maati'ii, ajajjooti kumaa, ajajjooti dhibbaatii fi ajajjooti hunna woraanaa dhibiin kennansa Waaqaaf adda baye mara irratti itti gaafatantoota.27Isaan meya yennaa duulaa saamame irraa, Galma Waaqaa haaressiisaaf adda baasane.28Meyi tajaajila Galma Waaqaatiif adda baafamee fi kennansi Saamu'eliin mudhii dhagguu fi ilmi Qiishii Saa'ol, ilmi Neerii Abneerii fi Yo'aab ka Zeruyaan deette fa'a fidane, Shelomootii fi fira isaatitti itti gaafatantoota itti te'ane.

Hujii Lewwoota Dhibi'ii

29Sanyii Yizhaarii keessaa Qayinaanii fi ilmaan isaa, hujii Galma Waaqaatiin alaatitti kolbaa Israa'elii irratti qondaaltotaa fi abbootii mura'aa te'ane.30Sanyii Kebroonii keessaa Hashabiiyaa fi firri isaa namooti kum tokkoo fi dhibbi torbaa, hujii Waaqaatii fi hujii mootichaa ta laga Yordaanosii irraa karaa aduun seentu jirtu irratti itti gaafatamumma'aan ramadamane.31Akka hidda dhaloota maatii isaaniititti sanyii Kebroonii keessaa, Yeriiyaan sooressa te'e. Daawiti mootii te'ee woggaa afurtameesso'ootitti yennaa galmeen qorqoramee sanyii Kebroonii keessaa loltooti goototi biyya Giil'aadii qachaa Yaazer keessatti dhaggamane.32Yeriiyaan firoota dandeettii qabanuu fi sooreyyii maati'ii ka te'ane namoota kuma lamaa fi dhibba torba qabaayyu; mootichi Daawiti akka isaan kutaa biyya Ruubenii, kutaa biyya Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee keessatti hujii Waaqaatii fi hujii mootichaa hujanu itti gaafatantoota godhe.