1 Dabarsi'ii24gax_twf

Hayyootaaf Ramaddiin Huji'ii Kennante

1Sanyiin Aaronii akka kanatti ramadamane. Ilmaan Aaronii: Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar.2Naadaabii fi Abiihuun ammoo ijoollee adoo hin uumatin, adoo abbaan isaanii hin du'in du'ane; Ele'azaarii fi Itaamaar hayyoota te'anee tajaajilane.3Qarqaarsa Zaadoqii sanyii Ele'azaariitii fi Ahiimelekii sanyii Itaamaariitiin, akka hujii isaaniititti, Daawiti sanyii Aaronii adda baase.4Maatii Ele'azaarii keessatti dhiirti sooreyyiin dhiira sooreyyii maatii Itaamaarii keessaa caaltee dhaggantee jennaan, akka asii gadiititti ramadamane: Sooreyyiin maatii Ele'azaarii kudhanii jaa; ta maatii Itaamaarii saddeeti.5Maatiin Ele'azaariitii fi maatiin Itaamaarii qondaaltota Dunkaanii Woyyitti'iitii fi qondaaltota Waaqaa waan te'aneef, hixaa buusiisaan ramaddiin huji'ii isaaniif kennante.6Barreessaan Lewwootaa ilmi Nataani'elii Shemaa'iyaan Lewwichi mootichaa fi qondaaltota, hayyicha Zaadoq, ilma Ahiimelekii Abiyaataar, sooreyyii hayyootaatii fi Lewwootaa duratti, maqaa maatii Ele'azaariitii fi maatii Itaamaarii badoo bado'oon akka hixaa isaaniititti barreesse.7Hixaan qaraa Yehoyaariibiif, ka lammeesso'oo Yedaa'iya'aaf,8ka sadeesso'oo Haariimiif, ka arfeesso'oo Se'oriimiif,9ka shaneesso'oo Malkiiyaaf, ka jayeesso'oo Miiyaamiiniif,10ka torbeesso'oo Haqoziif, ka saddeetesso'oo Abiiyaaf,11ka sagaleesso'oo Yeshu'aaf, ka kudhaneesso'oo Shekaaniya'aaf,12ka kudhanii tokkeesso'oo Eliyaashiibiif, ka kudhanii lammeesso'oo Yaaqiimiif,13ka kudhanii sadeesso'oo Huphaadhaaf, ka kudha arfeesso'oo Yeshebi'aabiif,14ka kudhanii shaneesso'oo Bilgaaf, ka kudhanii jayeesso'oo Iimeriif,15ka kudhanii torbeesso'oo Heziiriif, ka kudha saddeetesso'oo Haphiizeziif,16ka kudhanii sagaleesso'oo Phetaayaaf, ka diddameesso'oo Yihesqeliif,17ka diddamii tokkeesso'oo Yaakiiniif, ka diddamii lammeesso'oo Gaamuliif,18ka diddamii sadeesso'oo Delaayaaf, ka diddamii arfeesso'oo Ma'aaziyaaf bu'e.19Isaan kun akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii isa ajajetti, akka abbaan abbootii isaanii ta durii Aaron tarreessetti, yennaa Galma Mootii Waan Maraa keessa seenanu seerati hujii isaaniif kenname kana.

Lewwootaa Dhibii

20Sanyiin Lewwi'ii dhibiin ta asii gad jirtu: Sanyii Amraamii keessaa Shubaa'el; Sanyii Shubaa'elii keessaa Yedaa'iya'a.21Sanyii Rehaabiya'aa keessaa angaficha Yishiiya'a.22Yizhaarota keessaa Shelomoot; sanyii Shelomootii keessaa Yaahaat.23Ilmaan Kebroonii: Sooressi Yeriiyaa, ka lammeesso'oo Amaariyaa, ka sadeesso'oo Yahaazi'el, ka arfeesso'oo Yeqaamii'aam.24Ilmi Uzii'elii Miika'a; ilmaan Miikaa keessaa Shaamiir.25Yishiiyaan obboleessa Miika'aa ti; ilmaan Yishiiyaa keessaa Zakaariyaas.26Ilmaan Meraarii Maahilii fi Mushi; Benoon ilma Ya'aziiyaa ti.27Sanyii Meraarii keessaa ilmaan Ya'aziiyaa: Shohaam, Zaakurii fi Ibri.28Maahil Ele'azaar uumate; Ele'azaar ilmaan hin uumanne.29Sanyii Qiishii keessaa, ilma Qiishii Yeraami'el.30Ilmaan Mushii: Maahil, Ederii fi Yeremoot; isaan kun sanyii Lewwootaa worra akka maatii maatii abbootii isaaniititti sooreyyii te'ane.31Isaanille akkuma fira ifii sanyii Aaronii addee mootichi Daawiti, Zaadoqii fi Ahiimelek, sooressitooti hayyootaatii fi Lewwooti jiranutti, sooreyyiin maati'ii tokko tokkoon isaaniituu gudda'aa haga diqqa'aatitti woluma qixxee hujii hujii ifiititti ramadamiisaaf hixaa buufatane.

No translations available.