1 Dabarsi'ii2gax_twf

Ilmaan Israa'elii

1Ilmaan Yaaqoobii ka «Israa'el» jedhamee, ka asii gad jiranu: Ruuben, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, Yisaakor, Zebuloon,2Daan, Yoseef, Beniyaamin, Niftaalem, Gaadii fi Asheer.

Yihudaa

3Ilmaan Yihuda'aa: Eer, Onaanii fi Shela'a. Isaan sadiin kana, dubartii biyya Kana'aanii ta, «Baat-Shuwaa» jedhantu irraa uumate; ilmi Yihuda'aa angafichi Eer Mootii Waan Maraa duratti nama hamaa waan te'eef, Mootiin Waan Maraa isa ijjeese.4Taamaar haati manaa ta ilma isaa ammoo Faaresii fi Zaaraa isaaf deette; Yihudaan wolumatti ilmaan shan qabaayyu.5Ilmaan Faaresii: Hezronii fi Hamul.6Ilmaan Zaara'aa: Ziimri, Etaan, Hemaan, Kalkoolii fi Darda'a. Isaan wolumatti nama shan.7Ilmi Karmii: Akaan ka waan ijjumaa balleeffamu'uu male hatee fudhatiisaan, Israa'el irratti rakkinna fide.8Ilmi Etaaniille Azaariya'a.

Hidda Dhaloota Maatii Mooticha Daawitii

9Ilmaan Hezron uumate: Yeraami'el, Raamii fi Kaaleb.10Raam Aminaadaab uumate; Aminaadaabille sooressa kolbaa Yihuda'aa Nahasoon uumate.11Nahasoon Salmoon uumate: Salmoon Bo'az uumate.12Bo'az Obed uumate; Obed Isey uumate.13Isey ilmaan torba uumate; angafichi Eliiyaab, ka lammeesso'oo Abinaadaab, ka sadeesso'oo Shimi'aa,14ka arfeesso'oo Nataani'el, ka shaneesso'oo Raadaayi,15ka jayeesso'oo Ozeem, ka torbeesso'oo Daawiti.16Obboleeyyan isaanii ta durraa Zeruya'aa fi Abigaayil. Ilmaan Zeruya'aa sadiin: Abiishaayi, Yo'aabii fi Asaa'el.17Abigaayil Amaasaa deette; abbaan isaa «Yeter» ka jedhamu nama sanyii Ishimaa'elii ti.

Sanyii Kaalebii Ilma Hezronii

18Ilmi Hezronii Kaaleb haadha manaa ifii Azuba'aa fi Yerii'ot irraa ilmaan uumate; ilmaan Azubaan isaaf deette: Yesher, Shobaabii fi Ardoon.19Azubaan duuteen duuba, Kaaleb Efraat fuudhe; isiin ilma maqaan isaa, «Huur» jedhame isaaf deette.20Huur, Ur uumate; Ur, Bazaali'el uumate.21Achiin duuba Hezron yennaa woggaa jaatama guute, intala Maakiirii abbaa Giil'aadii fuudhee, isiin ilma maqaan isaa, «Seguub» jedhame isaaf deette.22Seguubille Yaa'iir uumate; Yaa'iir lafa Giil'aadii keessaa qachoota diddamii sad qabaayyu.23Geshuurii fi Aaram ammoo Hawoot-Yaa'iir, Qenaatii fi olloota adaala isi'ii woliin qachoota jaatama irraa fudhatane. Isaan kun martinuu ka sanyii Maakiirii abbaa Giil'aadii ti.24Hezron Kaaleb-Efraata'atti du'een duuba, haati manaa isaa Abiiyaan ilma isaa Ashuur abbaa biyya Teqo'aa isaaf deette.

Sanyii Yeraami'elii Ilma Hezronii

25Ilmi angafichi Hezronii Yeraami'el ilmaan jaa qabaayyu; ilmi isaa angafichi Raam; ka isatti aananu Bunaa, Oreen, Ozeemii fi Ahiiya'a.26Yeraami'el haadha manaa dhibii ta, «Ataaraa» jedhantu qabaayyu; isiin haadha Onaamii ti.27Ilmaan Raamii ka ilma angaficha Yeraami'elii: Maa'aaz, Yaamiinii fi Eker.28Ilmaan Onaamii: Shaamaayii fi Yaada'a. Ilmaan Shaamaayii: Naadaabii fi Abiishur.29Maqaan haadha manaa Abiishurii Abiihaayil. Isiin Ahibaanii fi Moliid isaaf deette.30Ilmaan Naadaabii: Seleedii fi Aphaayim. Seleed ijoollee adoo hin uumatin du'e.31Aphaayim Yishii uumate. Yishiin Sheshaanin uumate. Sheshaan Ahilaayin uumate.32Ilmaan Yaadaa obboleessa Shaamaayii: Yeterii fi Yonaataan. Yeter ijoollee adoo hin uumatin du'e.33Ilmaan Yonaataanii: Pheletii fi Zaaza'a. Isaan kun sanyii Yeraami'elii ti.34Sheshaan ijoollee durraa qofa qaba malee, ilmaan hin qabu; garuu nama biyya Gibxi'ii ka maqaan isaa, «Yarhaa» jedhamu garbicha tokko qabaayyu.35Maarre Sheshaan intala ifii garbicha ifii Yarhaa heerumsiise; isiin Ataayin isaaf deette.36Aataayi, Naataan uumate. Naataan Zaabaad uumate.37Zaabaad, Eflaali uumate. Eflaal, Obed uumate.38Obed, Yehuu uumate. Yehuun, Azaariyaa uumate.39Azaariyaan, Helez uumate. Helez, El'aasaa uumate.40El'aasaan, Siismaay uumate. Siismaay, Shaalum uumate.41Shaalum, Yeqaamiyaa uumate. Yeqaamiyaan, Eliishaamaa uumate.

Sanyii Kaalebii Ta Dhibii

42Ilma angaficha Kaalebii, obboleessa Yeraami'elii, maqaan isaa Mesha'a. Meshaan, Ziif uumate. Ziif, Mareshaa uumate. Mareshaan, Kebroon uumate.43Ilmaan Kebroonii: Qoraahi, Taaphuwaa, Reqemii fi Shema'a.44Shemaan, Raaham uumate. Raaham, Yorqe'aam uumate. Reqem, Shaamaay uumate.45Shaamaay, Maa'on uumate. Maa'on, Betzuur uumate.46Kaaleb gursumeettii, «Efaa» jedhantu takka qabaayyu. Isiin Haaraan, Moza'aa fi Gaazez isaaf deette. Haaraanille ilma, «Gaazez» jedhamu uumate.47Ilmaan Yaahidaayii: Regem, Yotaam, Geshaan, Phelet, Efa'aa fi Sha'aaf.48Gursumeettiin Kaalebii ta dhibiin ta «Ma'aan» jedhantu: Sheberii fi Tirhaanaa isaaf deette.49Isiin dhuma irratti ilmaan lama: Abbaa qachaa Madmaanaatii Sha'aaf fi abbaa qachaa Makbenaatii fi Giibe'aa Shewaa isaaf deette. Kaaleb intala, «Aksaa» jedhantulle qabaayyu.50Isaan kun sanyiin Kaalebii ti. Kaaleb haadha manaa ifii Efraataa irraa ilma isi'ii angaficha Huur uumate. Ilmaan Huurii keessaa Shobaal, Kiriiyat-Ya'ariim uumate.51Salmoon, Betlihem uumate; Haareef, Betgaader uumate.52Sanyiin Shobaalii abbaa Kiriiyat-Ya'ariimii: Haro'ehiti, gamisa gosa Menuhoototaa ti53Gosi Kiriiyat-Ya'ariimii keessa leetu: Yetroota, Phutoota, Shumaatotaa fi Miishirota; Zoraatotaa fi Eshtaaloti gosuma worra kanaa ti.54Sanyiin Salma'aa: Betlihem, Netofaatota, Atrot-Bet-Yo'aab, gamisa gosa Maanaheetotaa, Zoraatotaa,55gosa barreessitootaa worra qachaa Yaabezii keessa le'u: Tiraasitoota, Shime'aatotaa fi Sukaatota; isaan kun Qenoota worra Hemaatii ka gosa Rekaabii ti.