1 Dabarsi'ii18gax_twf
Daawiti Diina Ifii Injifate
1Achiin duuba mootichi Daawiti worra Filisxeemotaa lolee injifatee, qachaa Gaatiitii fi olloota adaala isaa harka worra Filisxeemotaatii baase.2Daawiti Mo'aabotalle injifatee, isaan tajaajiltoota isaa te'anee, gibiralle isaaf fidane.3Daawiti itti dabalee lafa laga Efraaxiisii bira jirtu lolee harkatti galfatiisaaf yennaa dhaqe, mooticha Zoba'aa Hadaad-Ezer haga qachaa Haamaatii dhaqee lole.4Daawiti garreettaa fardaan harkifamu ka isaa kuma tokko, abbootii fardo'oo ka isaa kuma torbaa fi loltoota isaa ta miilaa kuma diddama booji'e. Inni fardoolee garreettaa harkittu dhibba tokko qofa hamburee, fardoolee hafane kaan mogolee kukkutee naaffise.5Namooti Sooriya'aa ka Damaasqoo keessa le'anu, mooticha Zoba'aa Hadaad-Ezer qarqaariisaaf yennaa dhufane, Daawiti lolee isaan keessaa namoota kuma diddamii lama ijjeese.6Achiin duuba inni lafa isaanii keessatti quttuma loltootaa dhaabee, worri Sooriya'aa isaan bulanee gibira isaaf geessane. Mootiin Waan Maraa addee dhaqe maratti injifannoo Daawitiif kenne.7Daawiti wontee worqi'ii ta qondaaltoti Hadaad-Ezerii qabattu fudhatee, gara Yerusaalemii geesse.8Inni ammalle qachoota Hadaad-Ezerii ka, «Xibhaatii fi Chuun» jedhamanu keessaa sageettuu bacaa fudhate. Mootichi Solomoon sageettuu saniin waabaa bisaanii, utubootaa fi meya sageettu'uu ka adda addaa huje.9Mootichi Haamaatii To'i, akka Daawiti loltoota Hadaad-Ezerii mooticha Zoba'aa mara injifate yennaa dhage'e,10ilma ifii Hadoraam akka dhaqee Daawitii mooticha nageya fuudhee, «Baga gammadde» jedhuuf gara Daawitii mootichaa erge; To'i yennaa hedduu Hadaad-Ezeriin wol loleeraayyu. Hadoraamille kennansa meya adda addaa ka worqii irraa, meeti'ii fi sageettuu irraa hujame isaaf geesse.11Daawitiin mootichi meya kanalle akkuma yennaa meeti'iitii fi worqii kolbaa Edoomii, kolbaa Mo'aabii, kolbaa Amoonii, kolbaa Filisxeemotaatii fi Amaaleqii booji'ee fudhate godhe, Mootii Waan Maraatiif adda baase.12Abiishaayiin Zeruyaan deette dhooqa sooddaa keessatti namoota Edoomii kuma kudhanii saddeeti ijjeese.13Daawiti quttuma loltootaa Edoom keessatti dhaabe; worri Edoomiille martinuu isa gabbarane. Mootiin Waan Maraa lafa Daawiti dhaqe maratti injifannoo isaaf kenne.Qondaaltota Daawitii
14Daawiti Israa'eloota mara irratti mootii te'ee, kolbaa ifii maraaf muraa haqaa kennee, haqaan bulche.15Yo'aabiin Zeruyaan deette, ajajaa loltootaa ti; ilmi Ahiiludii Yoshaafaax itti gaafatamaa mana galme'ee ti.16Ilmi Ahiixubii Zaadoq fi ilmi Abiyaataarii Abiimelek hayyoota te'ane; Shaafshaan ammoo barreessaa mana mootumma'aa te'e.17Ilmi Yehoyaadaa Benaayaan itti gaafatamaa kutaa loltoota mooticha eeganuu ti; ilmaan Daawitii hujii mootummaa isaa keessatti addee ol-aantuu qabaniiyyu.No translations available.