1 Yohannis5

Ilma Allaahatti Amanuu

1Iisaan kun Al-Masiihii akka taʼe namni amanu hundinuu Allaah irraa dhalate; namni Abbaa jaallatu hundinuus kan Abbaa irraa dhalates ni jaallata.2Nu yommuu Allaah jaallannuu fi yommuu ajaja isaa eegnutti akka ijoollee Allaaha jaallannu kanaan beekna.3Allaah jaallachuun ajaja isaa eeguu dha. Ajajni isaas hin ulfaatu.4Namni Allaah irraa dhalatu hundinuu addunyaa ni moʼataatii. Kan addunyaa moʼatus amantii keenya.5Iisaan Ilma Allaaha taʼuu isaa nama amanu malee eenyutu addunyaa moʼata?
6Inni bishaanii fi dhiigaan dhufe isa kana; innis Iisaa Al-Masiihii dha. Inni bishaanii fi dhiigaan dhufe malee bishaan qofaan hin dhufne. Kanas Hafuuratu dhugaa baʼa; Hafuurri dhugaadhaatii.7Dhuga baatota sadiitu jira:8Isaanis Hafuura, bishaanii fi dhiiga; sadanuus walii galu.9Dhuga baʼumsa namaa ni fudhanna; dhuga baʼumsi Allaaha garuu kana caalaa guddaa dha; dhuga baʼumsi kun isa Allaahan waaʼee Ilma isaa dhugaa baʼe sana.10Namni Ilma Allaahatti amanu kam iyyuu dhuga baʼumsa kana garaa isaa keessaa qaba. Namni Allaah hin amanne garuu waan isa Allaahan waaʼee Ilma isaa dhugaa baʼe sana hin amaniniif inni Allaah sobduu godheera.11Dhuga baʼumsi sunis isa kana: Allaahan jireenya bara baraa nuu kenneera; jireenyi sunis Ilma isaa keessa jira.12Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Allaaha hin qabne immoo jireenya hin qabu.

Dhaamsa Xumuraa

13Isin warri maqaa Ilma Allaahatti amantan jireenya bara baraa qabaachuu keessan akka beektaniif ani waan kana isinii barreessa.14Ija jabinni nu fuula Allaaha duratti qabnu isa kana: yoo nu akka fedhii isaatti waan hunda isa kadhanne inni nuuf dhagaʼa.15Nu yoo akka inni waan nu kadhannu hunda nuuf dhagaʼu beekne, akka waan isa kadhannes argannu ni beekna.
16Namni kam iyyuu utuu obboleessi isaa cubbuu gara duʼaatti hin geessine hojjetuu yoo arge Allaah duratti duʼaa gochuufii qaba; Allaahanis warra cubbuun isaanii gara duʼaatti isaan hin geessineef jireenya ni kenna. Cubbuun gara duʼaatti nama geessu jira; anis waan akkasiitiif inni duʼaa haa godhu jechuu koo miti.17Jalʼinni hundinuu cubbuu dha; cubbuun gara duʼaatti nama hin geessines jira.
18Namni Allaah irraa dhalate kam iyyuu akka cubbuu hojjechuutti hin fufne ni beekna; Inni Allaah irraa dhalate sun isa eega; inni hamaan isa tuquu hin dandaʼu.19Nu ijoollee Allaaha akka taane, addunyaan guutuunis toʼannaa isa hamaa sanaa jala akka jiru ni beekna.20Akkasumas akka Ilmi Allaaha dhufee akka isa dhugaa taʼe sanas beeknuuf hubannaa nuu kenne ni beekna. Nus Ilma isaa isa dhugaa sana, jechuunis Iisaa Al-Masiihitti jirra. Inni Allaah dhugaa ti; jireenya bara baraatis.
21Yaa ijoolle, waaqeffatamtoota tolfamoo irraa of eegaa.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3