2 Saamuʼeel24
Daawud Loltoota Lakkaaʼe
1Aariin Rabbii Allaah ammas Israaʼelitti kaʼee Daawudiin, “Dhaqiitii Israaʼelii fi Yihuudaa lakkaaʼi” jedhee isaanitti kakaase.2Kanaafuu mootichi Yooʼaabii fi ajajjoota waraanaa kanneen isa bira turaniin, “Akka ani akka isaan hammam akka baayʼatan beekuu dandaʼuuf gosoota Israaʼel kanneen Daanii hamma Bersheebaatti jiraatan hunda keessa deemaatii namoota loluu dandaʼan galmeessaa” jedhe.3Yooʼaab garuu deebisee, “Rabbii Allaahan kee loltoota kee dachaa dhibba caalaa haa baayʼisu; iji gooftaa koo mootichaas waan kana haa argu. Garuu gooftaan koo mootichi maaliif waan kana gochuu barbaade?” jedhe.4Taʼus dubbiin mootichaa Yooʼaabii fi ajajjoota loltootaa yaada geeddarachiise; kanaafuu isaan fuula mootichaa duraa baʼanii namoota Israaʼel kanneen loluu dandaʼan galmeessuu deeman.5Isaanis erga Yordaanos ceʼanii booddee gara kibba magaalaa sulula keessatti argamuutiin Aroʼeer bira qubatan; achii immoo Gaad keessa darbanii Yaʼizeeritti qajeelan.6Isaanis gara Giliʼaadii fi Tabaason Adasaay, itti aansanii gara Daan yaaʼanii achii immoo naannaʼanii Siidoonaa dhaqan.7Ergasii immoo gara Daʼannoo Xiiroos, gara magaalaawwan Hiiwotaatii fi Kanaʼaanotaa hundaa dhaqan. Dhuma irratti immoo gara Bersheebaa kan kibba Yihuudaatti argamtu sanaa dhaqan.8Isaanis erga guutummaa biyyattii keessa naannaʼanii booddee jiʼa sagalii fi bultii digdamaatti Yerusaalemitti deebiʼan.9Yooʼaabis lakkoobsa namoota loluu dandaʼanii mootichatti hime; Israaʼel keessa namoota lolaaf gaʼumsa qaban kanneen goraadee qabachuu dandaʼan kuma dhibba saddeeti, Yihuudaa keessa immoo namoota kuma dhibba shanitu ture.10Daawud waan erga loltoota lakkaaʼee booddee balleessaan itti dhagaʼameef Rabbii Allaahan, “Ani waan hojjedhe keessatti cubbuu guddaa hojjedheera. Rabbii Allaah, ani akka ati balleessaa garbicha keetii dhiiftuuf sin kadhadha. Ani hojii gowwummaa guddaa hojjedheeraa” jedhe.11Guyyaa itti aanutti utuu Daawud hirribaa hin kaʼin ergaan Rabbii Allaah gara waa himaa Daawud gara Gaad nabiiʼiyyichaa dhufe; ergaan sunis,12“Dhaqiitii Daawudiin, ‘Rabbii Allaahan akkana siin jedha: Ani filannoo sadii siifin kenna; akka ani isa sitti fiduuf isaan keessaa tokko filadhu’ jedhi” jedha.13Kanaafuu Gaad gara Daawud dhaqee, “Waggaa torba biyya kee irra beelli haa buʼuu? Yookaan diinonni kee jiʼa sadiif si haa ariʼanii? Yookaan dhaʼichi guyyaa sadii biyya kee haa dhaʼuu? Egaa amma itti yaadiitii waan ani isa na erge sanaaf deebisu murteessi” jedheen.14Daawud immoo Gaadiin, “Ani akka malee dhiphadheera. Waan araarri isaa guddaa taʼeef nu harka Rabbii Allaah haa seennu; garuu akka ani harka namaa seenu hin godhin” jedhe.15Kanaafuu Rabbii Allaahan guyyaa itti aanu ganamaa jalqabee hamma guyyaan murtaaʼe raawwatutti Israaʼelitti dhaʼicha fide; Daanii hamma Bersheebaatti namoonni kumni torbaatamni ni dhuman.16Yeroo malaʼikkaan Allaah Yerusaalemin balleessuuf harka isaa diriirfatetti Rabbii Allaahan sababii hubaatiin sun isa gaddisiiseef malaʼikkaa isaa kan saba balleessuuf ture sanaan, “Ni gaʼa! Harka kee deebifadhu” jedhe. Yeroo sana malaʼikkaan Rabbii Allaah oobdii Arawunaa namicha gosa Yebuus sanaa bira ture.17Daawud yommuu malaʼikkaa namoota ajjeesaa ture sana argetti, Rabbii Allaahan, “Namni cubbuu fi balleessaa hojjete anuma. Isaan kunneen garuu hoolotaa dha. Isaan maal godhan? Harki kee anaa fi maatii koo irra haa buʼu” jedhe.Daawud Iddoo aarsaa Tolche
18Gaafas Gaad gara Daawud dhaqee, “Ol baʼiitii oobdii Arawunaa namicha gosa Yebuus sanaa keessatti iddoo aarsaa Rabbii Allaahaf ijaari” jedheen.19Kanaafuu Daawud akkuma Rabbii Allaahan karaa Gaadiin isa ajajetti ol baʼe.20Arawunaan yommuu milʼatee mootichaa fi namoota isaa kanneen gara isaa dhufaa jiran argetti, gad baʼee fuula mootichaa duratti addaan lafatti gombifamee sagade.21Arawunaanis, “Gooftaan koo mootichi maaliif gara garbicha isaa dhufe?” jedhe.Daawud immoo, “Ani akka dhaʼichi saba irra buʼe kun dhaabatuuf, oobdii kee bitee isa irratti iddoo aarsaa Rabbii Allaahaf tolchuufin dhufe” jedhee deebise.22Arawunaanis Daawudiin akkana jedhe; “Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu fudhatee haa dhiʼeessu. Aarsaa gubamuuf sangoonni kunoo ti; qoraaniif immoo miʼi ittiin midhaan dhaʼamuu fi waanjoon sangaa as jira.23Yaa mootii, Arawunaan waan kana hunda mootichaaf ni kenna.” Akkasumas Arawunaan, “Rabbii Allaahan kee siif haa fudhatu” isaan jedhe.24Mootichi garuu, “Akkas miti; ani gatiidhaan sirraa bituu na barbaachisa. Ani waan gatii itti hin baasin Rabbii Allaah kootiif aarsaa gubamu godhee hin dhiʼeessu” jedhee Arawunaaf deebise.
Kanaafuu Daawud oobdichaa fi sangoota sana meetii saqilii shantamaan bite.25Daawudis achitti iddoo aarsaa Rabbii Allaahaf tolchee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. Rabbii Allaahanis duʼaa waaʼee biyyattiif dhiʼaateef deebii kenne; dhaʼichis Israaʼel irraa ni deebiʼe.
Biblica, Inc.