Sefaaniyaa3gaz_bib

Yerusaalem

1Magaalaa cunqursitootaa,finciltuu fi xurooftuu sanaaf wayyoo!2Isheen nama tokkoof iyyuu hin ajajamtu;sirreeffama tokko iyyuu hin fudhattu.Isheen Waaqayyoon hin amanattu;Waaqa isheettis hin dhiʼaattu.3Qondaaltonni ishee leenca aaduu dha;bulchitoonni ishee yeeyyii galgalaakanneen waan tokko illee ganamaafhin bulfannee dha.4Raajonni ishee of tuultota;isaan namoota hin amanamnee dha.Luboonni ishee iddoo qulqulluuxureessanii seeras cabsu.5Waaqayyo inni ishee keessa jiru qajeelaa dha;inni dogoggora tokko illee hin hojjetu.Inni ganama ganama murtii qajeelaa kenna;guyyaa tokko iyyuu waan kana hojjechuu hin dadhabu;jalʼoonni garuu qaanii tokko iyyuu hin beekan.
6“Ani saboota nan balleessa;daʼannoowwan isaanii diigamaniiru.Akka namni tokko iyyuu achiin hin dabarreefani daandiiwwan ishee onseera.Magaalaawwan isaanii onaniinama malee, duwwaa hafu.7Ani magaalaa sanaan,‘Ati dhugumaan na sodaatta;sirreeffamas ni fudhatta!’ nan jedhe.Ergasii iddoon jireenya ishee hin baduyookaan adabbiin koo hundinuu isheetti hin dhufu.Isaan garuu waan hojjetan hunda keessattidaba hojjechuutti ciman.8Kanaafuu guyyaa ani itti dhugaa baʼu eeggadhu”jedha Waaqayyo;“Ani sabootaa fimootummoota walitti qabeedheekkamsa kootii fiaarii koo sodaachisaa sana hundaisaanitti dhangalaasuuf murteesseera.Addunyaan guutuun ibiddahinaaffaa kootiin gubattee barbadoofti.
9“Ergasii ani akka hundi isaaniimaqaa Waaqayyoo waammataniif,akka walii galuudhaan isa tajaajilaniifisafaan namootaa nan qulqulleessa.10Warri anaaf sagadan,intallan koo kanneen bittinnaaʼanlageen Itoophiyaa gamaa kennaa naaf fidu.11Sababii ani warra of tuulummaa isaaniitti gammadanmagaalaa kana keessaa baasuuf,gaafas yakka ati natti hojjettesana hundaaf salphinni sitti hin dhufu.Ati lammata gaara kooqulqulluu irratti of hin tuultu.12Ani garuu garraamotaa figad of qabeeyyiikanneen maqaa Waaqayyoo amanatansi keessatti nan hambisa.13Hambaan Israaʼelyakka tokko illee hin hojjetan.Isaan soba hin dubbatanyookaan gowwoomsaan afaan isaanii keessatti hin argamu.Isaan nyaatanii boqotu;kan isaan sodaachisus hin jiru.”
14Yaa Intala Xiyoon ati faarfadhu;yaa Israaʼel sagalee ol fudhadhuu iyyi!Yaa Intala Yerusaalem gammadiitiigaraa kee guutuudhaan ililchi!15Waaqayyo adaba kee sirraa fuudheera;inni diinota kee sirraa deebiseera.Waaqayyo Mootiin Israaʼel, si wajjin jira;ati lammata balaa tokko illee hin sodaattu.16Isaan gaafasYerusaalemiin akkana ni jedhu;“Yaa Xiyoon hin sodaatin;harki kees hin laafin.17Waaqayyo Waaqni keeinni si wajjin jiru jabaa dha.Inni baayʼee sitti gammada;inni jaalala isaatiin si boqochiisa;faarfannaadhaanis sitti gammada.”
18“Ani gadda ati ayyaanota murteeffamaniif gadditusirraa nan fuudha;isaan booʼichaa fi salphina sitti taʼu.19Ani yeroo sanattiwarra si cunqursan hunda nan adaba;ani okkolaa nan baraara;warra gatamanis walitti nan qaba.Ani biyya isaan itti qaaneffaman hunda keessattimaqaa fi ulfina isaaniifin kennaaf.20Ani yeroo sanatti walittin isin qaba;yeroo sanatti ani biyya keessanitti isin nan galcha.Ani yeroo utuma isin argitanuuboojuu keessan deebisuttisaba lafaa hunda gidduuttiulfinaa fi maqaa isiniifin kenna”jedha Waaqayyo.