Sefaaniyaa Raagichaa3gax_twf

Cubbuu Yerusaalemiitii Fi Wodoo Yerusaalemii

1Qachaa Yerusaalemii cubbicha, batticha nama cunqursuuf aanne'e!2Inni namaaf hin dhage'u; gorsa namaa hin fudhatu; Mootii Waan Maraatitti hin addatu; gara Waaqa ifiille hin dhikaatu.3Qondaaltoti isaa akka neenqa dhangaa dhowuu ti; abbootiin mura'aa ta isaalle akka yayyii galgalaa ta womaa boruuf hin hamburannee ti.4Raagoti isaa koorameeyyi'i; isaan worra hin addatanne; hayyooti isaa waan woyyuu te'e batteessan; seeralle hin dassan.5Mootiin Waan Maraa balchichi ammoo isa keessa jira; inni dokonkora hin qabu; inni ganama mara muraa dhuga'aa mura; guyyuma guyya'aan hin dadhabu; dabaaleyyiin ammoo qaanii hin beekanu.6Mootiin Waan Maraa, «Ani gosa biyya adda addaa balleesseera; Xelleephooisaanii diigeera; karaa isaanii akka nami tokkolle irra hin ideenne duwwaa godheera; qachooti isaaniille onee ka nami tokkolle keessa hin jirre te'aneeran.7Ani, ‹Dhugumaan qachaan Yerusaalemii na hin sodaata; adabbii tiyyalle hin fudhata; worri achi keessa jiranulle ijjumaa hin badanu; adabbiin tiyya martille isaan hin dhaqqaddu› jedheeraayyu; qachaan sun ammoo ammalle hujii hantuu san hujiisaaf dharraa qaba.8«Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa, ‹Guyyaa ani dhugaa baasiisaaf ka'u sanitti na eegadha'a! Ani gosa biyya lafaa wolitti qabiisaaf, mootummootalle wolitti raree, aarii tiyya ta bobeettu maraayyuu isaan irratti dhangalaasiisaaf murteeffadheera; biyyi lafaa martinuu hinaaffaa tiyya ta akka ibiddaatiin hin gubatti› jedheera.9«Yennaa san ani kolbaa gosa biyya adda addaa mara maqaa kiyya akka waamanu, harka wol qabatanee akka ana tajaajilanu dubbii qullittii akka dubbatanu isaan hin godha.10Kolbaan tiyya worri bittinnowe, na waaqonfatiisaaf, lagoota Itoophiya'aagamaa, kennansa naaf hin fidan.11Guyyaa sanitti ani worra koora ifiititti gammadu odduu teessanii waan baasuuf, isin waan na yakkitane san maraaf hin qaanottanu; gaara kiyya woyyicha irrattille haganaa achi ifi hin saaddanu.12Kolbaa gad ifi qadduu fi ta hin koorre, ta ana Mootii Waan Maraatitti addattu ammoo isin oddu'utti hin hambura;13Israa'elooti worri hafane haganaa achi hin yakkanu; dharalle hin dubbatanu; namalle hin sobanu; isaan nyaatanee hin irkatan; ka isaan sodaachisulle hin jiru» jedhe.

Faaruu Gammadaa

14Ee gumii Xiyoonii, faarfadha'a;ee kolbaa Israa'elii iyya'a!Ee kolbaa Yerusaalemii,gadhaa tokkochaan gammadaan ilillisa'a!15Muraa isinitti murate sanMootiin Waan Maraa isin irraa kaaseera;diinota keessanille si irraa deebiseera;Mootiin Waan Maraa mootiin Israa'eliiisin woliin waan jiruuf,haganaa achi miidhaa tokkolle hin sodaattanu.16Guyyaa sanitti namooti Yerusaalemiin,«Ee Xiyoon hin sodaatin!Harki keeti hin laashowin!17Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jira;hunni isaa injifannoo sii kenniti;inni guddoo sitti hin gammada;jaalala ifiitiin jiruu teeti hin haaressa;inni faaru'uun si'itti hin gammada» hin jedhan.18Mootiin Waan Maraa ammalle,«Akka kolbaa guyyaa jilaa gammadduu,si gammachiisa.Ani muraa isin irratti ba'aa teete isin irraa hin kaasa.19Ani yennaa sanittiworra isin cunqursumaraayyuu hin adaba;worra naafa hin fayyisa;worra bittinnowelle wolitti hin qaba.Qaanii isaanii gara ulfinnaa jijjiiree,biyyi lafaa duudiin isaan hin leellitti.20Yennaa sanitti ani wolitti isin qabee,biyya teessanitti isin hin galcha;boojuu teessan,adoo isin ilaaltanuuisiniif hin deebisa.Ani kolbaa gosa adda addaa ta lafa irraa mara oddu'utti,ulfinnaa fi leellisaakka dhaggattanu isin hin godha» jedha.