Sefaaniyaa Raagichaa1gax_twf

Yihudaa Irratti Guyyaa Muraa Mootii Waan Maraa

1Kun jecha Mootii Waan Maraa ka bara Yosiyaasiin ilmi Amoonii mootii Yihuda'aa te'eeruun gara Sefaaniyaa ilma Kuushii, akaakoo Gedaaliya'aa, abuuboo Amaariya'aa, abutturroo Hisqiyaasii dhufe.2Mootiin Waan Maraa, «Ani waan mara lafa irraa haxowee hin balleessa;3namaa fi horii, allaatotaa fi qurxummiille haxowee hin balleessa; worra hamoolee garagaggalchee, sanyii namaa lafa irraa hin balleessa.4«Ani kolbaa Yerusaalemiitii fi Yihuda'aa mara hin adaba. Baraaree worra Ba'aal waaqonfatuutii fi maqaa hayyoota isa tajaajiltuu achii hin balleessa.5Worra heellichoo manaagubbaa bayee aduu, ji'aa fi urji'iif sagadu hin balleessa. Worra na waaqonfataa maqaa kiyyaan kakataa, achiin duuba ammoo maqaa waaqa dharaa Miilkomiitiin kakatulle hin balleessa.6Worra ana Waaqa hordofuu didee duubatti deebi'e, worra na hin barbaadanne yookiin akka isaan sooressu worra na hin gaafanne hin balleessa» jedhe.7Guyyaan Goottaa Mootii Waan Maraa waan dhikaateef, Mootii Waan Maraa duratti cadhisa'a! Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii akka horii ciinca'aaf qalamuu dabarsee kenniisaaf qopheesseera; inni diina kolbaa Yihuda'aa saamu adda baasee qopheesseera.8Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa ciinca'aa sanitti ani Mootiin Waan Maraa qondaaltotaa fi ilmaan mootichaatii fi worra waaqota orma waaqonfatu maraayyuu hin adaba.9Guyyaa san worra gulantaa balbalaa irra utaalu mara, mana goottolee ifii meyaan guutiisaaf, worra wo hatuu fi nama ijjeesu mara, guyyaa sanitti ani hin adaba» jedha.10Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa sanitti, karra karra qurxummi'ii jedhantu duraa, iyyi, kutaa qacha'aa haareya keessaa, wiiccifati, kooba irraa qoonqoo waan caccabuu guddoo hin dhageettan.11Isin worri addee dikko'oo keessa leetanu, daldaltooti teessan martinuu waan badaneef, worri meetii daldalanu martinuu waan du'aneef wiiccifadha'a!12«Guyyaa sanitti ani issa'aan Yerusaalem hin barbaada; namoota isi'ii worra akka daadhii woyni'ii ta cumaa irratti hattee te'ane, worra, ‹Waaqi waan dansaa yookiin hantuulle hin huju› jedhee yaadu hin adaba.13Karri isaanii hin saamama; manni isaanii hin diigama; mana hin ijaarratan; ammoo keessa hin le'anu; muka woyni'ii hin dhaabbatan; ammoo daadhii muka woynii sanii hin unanu» jedha.14Guyyaan Mootii Waan Maraa guddaan dhikaateera; ariifatee dhufaara; guyyaan sun guddoo ka sodaachisu; guyyaa Mootii Waan Maraa sanitti loltooti jajjabootinuu sodaatanee, iyya jadduu iyyan.15Guyyaan sun guyyaa mufi'ii, guyyaa gargalaatii fi farriisaa, guyyaa diigamaatii fi badi'ii, guyyaa dimimmisaatii fi dukkanaa, guyyaa duumensaatii fi dukkana dimmaa ti;16guyyaa san qachoota kushee dhaka'aa qabanuu fi xelleephoo dhaka'aa dhedheertuu irratti qoonqoon tultulla'aatii fi iyya lolaa hin dhage'ama.17Mootiin Waan Maraa, «Ani namoota irratti gaargala hin fida, isaan ana Mootii Waan Maraa waan yakkaneef, akka namoota balla'aa hin deeman; dhiigi isaanii akka buku'uu hin lola'a; reeffi isaanii akka kosi'ii hin gatama» jedha.18Guyyaa mufii Mootii Waan Maraa sanitti meetiin isaanii yookiin worqiin isaanii isaan fayyisuu hin dande'anu; biyyi lafaa duudiin ibidda aarii isaatiin hin baddi; inni worra lafa irra le'anu mara dedhuma hin fixa.