Zakaariyaasii Raagichaa9gax_twf

Muraa Diinota Israa'elii Irratti Dhuttu

1Dubbiin mura'aa ta Mootii Waan Maraamarroo biyya Hadraakiitiif dubbateqachaa Damaasqo'oolle geette.Ilti namootaatii fi gosa Israa'elii duudiingara Mootii Waan Maraa hin ilaalti.2Haamaati ta meessaa isaanii jirtu,Xiiroosii fi Sidoon guddoo qaroolee te'anullegara isaa hin ilaalan.3Xiiroos kushee ijaarratteerti;meetii akka biyye'ee,worqii akka dhoqqee karaa keessaa tuulatteerti.4Mootiin Waan Maraa ammoowaan isiin qaddu mara irraa hin mulqa;karra isi'ii maragara abbaaya'aa hin gata;isiille ibiddaan gubattee hin baddi.5Worri Ashiqaloniitana dhaggee hin sodaata;worri Gaaza'aalle hin hollata.Worri Eqroonille addii hin kutata;worra Gaaza'aa keessaa mootiin hin dhabama;Qachaan Ashiqalonii hin ona.6Kolbaan makante qachaa Ashidoodii keessa hin leeti.Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dande'u,«Ani koora Filisxeemotaa hin balleessa.7Isaan haganaa achi foon dhiiga qabuyookiin sagalee dhooggante hin nyaatanu.Worri hafe Waaqa keennaaf hin te'a,biyya Yihuda'aa keessatti sooreyyii hin te'an.Worri Eqroonille akkuma worra Yibusootaa hin te'a.8Ani mana kiyya,saantota irraa hin eegadha.Ani ila tiyyaan isaan waan eeguuf,nami isaan miicu,haganaa achi deebi'ee isaan keessa hin bayu» jedha.

Mootii Xiyoonii Ka Dhufu

9Kolbaa Xiyoonii, guddoo gammada'a!Kolbaa Yerusaalemii, ilillisa'a!Kunoo, mootichi keessan balchaan,injifataan, gad ifi qabee,ilmayyoo harre'ee irraa tee'ee,gara keessan hin dhufa.10Mootiin Waan Maraa,«Ani Garreettaa fardaa Efreem keessaa,fardoo lolaa Yerusaalem keessaa hin balleessa.Guubeen lolaalle hin baddi;Mootichi keeti gosa biyya adda addaatiif,nageya hin lassa.Bulchiisi isaa abbaayaa irraa,haga abbaaya'aa,laga Efraaxiisii irraahaga dhuma lafaa ti.

Adde'etti Deebi'iisa Kolbaa Waaqaa

11«Isiniif sababa gondooroo tiyya,ta dhiigaan isin woliin gondooreetiif jedhee,worra hidhamane keeti,boolla bisaan hin qanne keessaa,bilisa hin baasa.12Isin worri hidhantanee, addi'iin jirtanu,gara addee nageyaa teessanitti deebi'a'a;ani adha addee duriitittidachaa lama isiniif hin deebisa.13Ani Yihudaa akka guube'eetitti,Efreem akka daayaatitti,namoota Giriiki'ii loliisaaf,ilmaan Xiyooniiakka shallaaga'aatitti hin fayyadama» jedha.
14Mootiin Waan Maraakolbaa ifiitiin gubba'atti hin mudhata;daayi isaa akka balaqqeetti'ii hin utaala.Mootiin Waan Maraa Waaqiqoonqoo tultulla'aa hin dhageessisa;bubbee gara kibbaa keessa,itti hin ideema.15Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,kolbaa ifii irraa hin dhoogga;isaanille dhakaa looyya'aatiin diina ifii hin balleessan;akka nama daadhii woyni'ii unee machowee hin iyyan;akka qorii dhiiga ittiin fiffixanu ta roga addee ciinca'aahin guutaman.16Gaafas Mootiin Waan Maraa Waaqi isaaniiakka tisseen horii ifii waan hantuu irraa fayyisukolbaa ifii hin fayyisa.Isaan akka dhakaa gatii guddo'ooka kallacha irraalafa isaa keessatti hin calalaqan.17Latti attam attam Shagga'aa fi dansa'a!Midhaanii fi daadhiin woyni'ii ta isii irraa dhaggantu,Dargaggeeyyii dhiiraatii fi durraahin bisileessiti.