Zakkaariyaas12gaz_bib
Diinonni Yerusaalem ni barbadeeffamu
1Kun raajii dubbii Waaqayyo waaʼee Israaʼel dubbatuu dha.Waaqayyo samiiwwan diriirse, inni hundee lafaa buuse, inni nama keessatti hafuura namaa uume sun akkana jedha:2“Ani Yerusaalemin namoota naannoo ishee jiraatan hundatti xoofoo gatantarsu nan godha. Yihuudaan akkuma Yerusaalem marfamtee ni qabamti.3Gaafas, yeroo saboonni lafaa hundi isheen mormuudhaan walitti qabamanitti, ani Yerusaalemin saboota hundatti kattaa hin sochoofamne nan godha. Warri ishee sochoosuu yaalan hundi of miidhu.4Gaafas ani fardeen hunda nan naasisa; isa yaabbatus nan maraacha” jedha Waaqayyo. “Ani Yihuudaa eeguuf ija koo nan banadha; ija fardeen saboota hundaa garuu nan jaamsa.5Ergasii hangafoonni Yihuudaa garaa isaaniitti, ‘Jiraatonni Yerusaalem sababii Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu Waaqa isaanii taʼeef jajjaboo dha’ jedhu.6“Ani gaafas hangafoota Yihuudaa badaa ibiddaa tuullaa qoraanii keessaa, akkuma guca ibiddaa bissii keessaa nan godha. Isaan saboota naannoo isaanii kanneen mirgaa fi bitaan jiran hunda ni barbadeessu; Yerusaalem garuu utuu hin miidhamin iddoodhuma isheetti hafti.7“Waaqayyo akka ulfinni mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem ulfina Yihuudaa hin caalleef duraan dursee iddoo jireenya Yihuudaa ni baraara.8Gaafas Waaqayyo jiraattota Yerusaalemiif ni qolata; guyyaa sana isaan keessaa inni dadhabaan akka Daawit taʼa; manni Daawitis akka Waaqaa, akka ergamaa Waaqayyoo isa isaan dura deemuu ni taʼa.9Ani gaafas saboota Yerusaalem lolan hunda balleessuuf nan baʼa.