Injifachaa Yerusaalemii
1Dubbiin Mootiin Waan Maraa marroo Israa'eliitiif dubbate tana: Mootiin Waan Maraa ol-gubbaa diriirse, ka hundee lafaa hundeessee fi jiruu namaaf kenne,2«Ani kunoo, Yerusaalem akka muduunuu daadhii woyni'ii hin godha; gosi biyya adda addaa ta adaala isi'ii, untee akka namoota machowanee hin gatantarti. Yennaa qachaan Yerusaalem marfamu qachaan Yihudaalle hin marfama.3Yennaa gosi biyya adda addaa Yerusaalem loliisaaf wolitti qabantu, ani akka dhakaa ulfaata'aa isii hin godha; worri isii ol kaasiisaaf wodhaanu duudiin ifi miidhan.4Guyyaa san ani fardoo isaanii mara hin bararassa; abbootii fardo'oo hin maraacha; kolbaa Yihuda'aa hin eega; fardoo diina isaanii ammoo hin jaamsa.5Achiin duuba sooreyyiin Yihuda'aa gadhaa ifii keessatti, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, kolbaa ifii ta Yerusaalem keessa leetuuf hunnaa hin kenna› jedhan.6«Guyyaa san sooreyyii Yihuda'aa akka okkotee ibiddaa ta qoraan irratti tuulameetii fi akka umeessaa ibiddaa ka odduu ladde'eetitti bobe'uu isaan hin godha. Isaan kolbaa adaala sanii mara hin fixan. Kolbaan Yerusaalemii ammoo, nageyaan Yerusaalem keessatti hin hafan.7«Ulfinni sanyii Daawitiitii fi ulfinni namoota Yerusaalem keessa le'anuu ka Yihuda'aa akka hin caalle, ani Mootiin Waan Maraa dursee mana gosa Yihuda'aatiif injifachaa hin kenna.8Ani guyyaa san Mootiin Waan Maraa, worra Yerusaalem keessa le'u hin eega; isaan keessaa ka irra caalaa dadhaba'aatuu, akka Daawitii jabaa hin te'a. Sanyiin Daawitii akka ergamaa kiyyaa, akkuma kiyya isaan hin sooressan.9Guyyaa san gosa biyya adda addaa Yerusaalem loliisaaf wodhaantu mara balleessiisaaf hin barbaada.10«Ani ayyaana mararti'iitii fi ayyaana daadimataa sanyii Daawitiitii fi worra Yerusaalem keessa le'u irratti hin dhangalaasa. Isaan ka woraanane san na hin ilaalan; akka nama mucaa tokkochaaf bowuutitti hin bowan; akka nama du'a ilma angafichaatiif guddoo gadduulle hin gaddan.11Guyyaa san bootti guddoon, sanyii Hadaad Rimooniitiif dirree Megidoo keessatti teete sun, Yerusaalem keessatti hin teeti.12Namooti lafa sanii akka maatii maatii ifiititti hin bowan; maatiin sanyii Daawitii qofuu, niitoti isaanii qofuu, maatiin sanyii Naataanii qofuu, niitoti isaanii qofuu,13maatiin sanyii Lewwi'ii qofuu, niitoti isaanii qofuu, maatiin Sheme'ii qofuu, niitoti isaanii qofuu,14maatiin worra hafee duudiin qofuu, niitoti isaaniille qofuu hin bowan» jedhe.