Jinnana Worra Hin ajajanne
1Ee, Libaanon!Ibiddi muka hindheensaa keetiakka fixuufbalbala teeti bani!2Muki hindheensaa waan jigeef,isin muki birbirsaa bowa'aatii wiiccifadha'a!Muki jajjabaan marti badeera!Gongomaan ciggaan waan cirameef,ee, qilxaa Baashaanii, bowiitii wiiccifadhu!3Addeen horii tiffatanuwaan isaan duraa baddeef,bowa worwaanata tissitootaa dhage'a'a!Gongomaan laga Yordaanosiiwaan badeefdhangaa dhowiisa neenqaa dhage'a'a!Tissitoota Lama
4Mootiin Waan Maraa Waaqi kiyya anaan, «Hoolee qalmaaf qopheeffanteertu tiffadhu.5Worri isaan bitatu yennaa isaan qaltanu hin adabamanu; worri isaan gurguratelle, ‹Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti! Nuuti duroonneera!› jedhan; tissitooti isaaniituu isaaniif hin nayanu;6ani haganaa achi worra lafa irra le'u tokkolle'eef hin nayu; kunoo, ani tokko tokkoo isaaniituu harka olla'aa fi mootii isaaniititti dabarsee hin kenna. Isaan biyya san hin balleessan; anille harka isaanii keessaa isaan hin baasu» jedha.7Ani hoolee qalmaaf qopheeffante san, keessattuu worra miicamane saniif tissee te'e; ulee lamaan fuudhe; maqaa takkatti'ii, «Jaalatantuu», ta lammeesso'ootiin, «Tokkummaa» jedhee moggaase; hoolota sanille bobbaase.8Ji'a tokko keessatti tissitoota sad ari'e; hooloti na jibbite; anille isaan hifadhe.9Tanaaf ani holotaan, «Ani haganaa achii tissee keessan hin te'u. Ka du'anu du'anuu ti. Ka badanu badanuu ti. Ka hafanelle foon woli wolii nyaatanuu ti» jedhe.10Achiin duuba gondooroo Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa woliin gondoore diigiisaaf, ani ulee tiyya ta, «Jaalatantuu» jedhantu fuudhee casse.11Gaafasuma gondooroon diigante. Daldaltooti hoole'ee, ka na dhaggiisatti jiranu, kun jecha Mootii Waan Maraa akka te'e beekane.12Ani isaaniin, «Yoo feetane mindaa kiyya naa kenna'a; yoo hin fedhin ammoo lakkisa'a» jedhe. Isaanille mindaa kiyya meetii soddoma naaf kennane.13Mootiin Waan Maraa anaan, «Meetii san saanduqa Galma Waaqaa keessa buusi!» jedhe. Tanaaf, «Mindaa geya'a» jedhanee ka isaan naaf kennane, meetii soddoma san fuudhee, saanduqa Galma Waaqaa keessa buuse.14Achiin duuba tokkummaa Yihuda'aatii fi Israa'elii diigiisaaf, ulee tiyya lammeesso'oo ta, «Tokkummaa» jedhantu casse.15Itti aansee Mootiin Waan Maraa anaan, «Meya tissitoota gowwoolee sanii fuudhi.16Kunoo, ani tissee hoolee baddeef hin yaadanne, ilmoolee badde ka hin barbaanne, ka miidhamane ka hin fayyine, yookiin fayyaaleyyii ka hin tissine biyya irratti hin kaasa; inni ka coomane hin nyaata; qeenca isaaniille hin buqqisa.17«Tissee gatii hin qanne,ka hoolota hin eenneef aanne'e!Shallaagaan, harka isaa middicha isa irraa kutuu ti!Ila isaa middittiille keessaa baasuu ti!Harki isaa ijjumaa goguu ti!Ilti isaa middittiin ijjumaa badduu ti!» jedhe.