Zakkaariyaas
10
/
gaz_bib
Waaqayyo Yihuudaa ni Kunuunsa
1
Yeroo bokkaa isa booddeetti akka inni bokkaa isiniif kennuufWaaqayyoon kadhadhaa;
bakakkaa kan ergu Waaqayyoo dha.
Inni bokkaa lolaʼu nama hundaaf,
biqiltuu dirree immoo tokkoo tokkoo namaatiif ni kenna.
2
Waaqonni tolfamoon gowwoomsaa dubbatu;
raajonni mulʼata sobaa argu;
isaan abjuu sobaa namatti himu;
waan faayidaa hin qabneen nama jajjabeessu.
Kanaafuu sabni kun akkuma hoolaa tiksee hin qabnee
hacuucamee asii fi achi joora.
3
“Aariin koo tiksootatti bobaʼeera;
ani reʼoota nan adaba;
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu
bushaayee isaa, mana Yihuudaa ni toʼata;
lola keessattis akka farda jabaa isaan taasisa.
4
Yihuudaa keessaa dhagaan golee,
isa keessaa qofoon dunkaanaa,
isa keessaa iddaan lolaa,
isa keessaa bulchaan hundi ni dhufa.
5
Isaan akkuma namoota jajjaboo
waraana keessatti tokkummaadhaan daandii dhoqqee irra deemu.
Sababii Waaqayyo isaan wajjin jiruuf
isaan lolanii abbootii fardeenii qaanessu.
6
“Ani mana Yihuudaa nan jajjabeessa;
mana Yoosefis nan oolcha.
Ani waanan garaa isaaniif laafuuf
deebisee isaan nan dhaaba.
Isaan akkuma waan ani duraanuu
isaan hin gatinii taʼu;
ani Waaqayyo Waaqa isaanii ti;
deebiis isaaniif nan kenna.
7
Efreemonni akkuma namoota jajjaboo taʼu;
garaan isaaniis akkuma nama daadhii wayiniitiin gammaduu ni gammada.
Ijoolleen isaanii waan kana arganii ni gammadu;
garaan isaanii Waaqayyootti ni gammada.
8
Ani siiqsee
walitti isaan nan qaba.
Ani dhugumaan isaan nan fura;
isaan akkuma duraa sana ni baayʼatu.
9
Yoo ani saboota gidduutti
isaan bittinneesse iyyuu isaan biyya fagootti na yaadatu.
Isaanii fi ijoolleen isaanii lubbuudhaan ni jiraatu;
ni deebiʼus.
10
Ani biyya Gibxiitii deebisee isaan nan fida;
Asoor keessaas walittin isaan qaba.
Ani gara Giliʼaadii fi Libaanoonitti isaan nan fida;
iddoon isaan gaʼus hin argamu.
11
Inni galaana rakkinaa keessa darba;
dhaʼaa galaanaas ni rukuta;
tuujubawwan Abbayyaa hundinuu ni gogu.
Of tuulummaan Asoor gad deebiʼa;
bokkuun mootummaa Gibxis ni bada.
12
Ani Waaqayyoon isaan nan jabeessa;
isaanis maqaa isaatiin deddeebiʼu”
jedha Waaqayyo.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter