Zakaariyaasii Raagichaa10gax_twf

Adde'etti Deebi'iisa Kolbaa Yihuda'aatii fi Israa'elii

1Rooba furmaataa akka isinii kennuuf,Mootii Waan Maraa gaafadha'a;ka duumensa roobaa ergee,tiifuu roobaa isinii kennee,fichaa magariisa godhu Mootii Waan Maraa ti.2Waaqoti dharaawaan gatii hin qanne dubbatan;worri moru mudhii dharaa dhaggan;oojjuu sobaalle himan.Isaan akkasumaannama jajjabeessan;tanaaf kolbaan tissee dhaddee rakkattee,akka hoole'ee joonjiti.3Mootiin Waan Maraa, «Ani tissitootatti guddoo aareera;sooressitootalle hin adaba.Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dadehoolota tiyya kolbaa Yihuda'aa hin kunuunsa.Akka farda kiyya ka lolaa ka ittiin kooruuisaan hin godha.4Kolbaa Yihuda'aa keessaabulchitootita akka dhakaa roga ijaarsaata akka togaa dunkaanaatii figuubee lolaa jiranu hin ka'an.5Isaan wolumatti te'aneeakka loltoota jajjabaadiinota ifii dhoqqee karaa keessaa irrattidhidhiitanee injifatanuu hin te'an.Mootiin Waan Maraa isaan woliin waan jiruufisaan lola keessattiabbootii fardaa diinota hin qaanessan.
6«Ani kolbaa Yihuda'aa hin jabeessa;kolbaa Israa'eliille hin fayyisa.Ani isaaniif waan nawuuf,akka duriititti isaan hin deebisa.Isaan akka ani tanaan qaraijjumaa isaan lakkisee hin beennee hin te'an.Ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii waan te'eef,daadimata isaanii hin dhage'a.7Kolbaan Efreemii akka worra jajjabaa hin te'an.Isaan akka nama daadhii woyni'ii unee hin gammadan.Ijoolleen isaanii tana dhaggitee hin gammaddi;gadhaan isaaniille Mootii Waan Maraatitti hin gammada.8Ani kolbaa tiyya beessisaan waameewolitti isaan hin qaba.Ani isaan waan woduufakkuma durii laakkossa isaanii hin fakkansa.9Ani gosa biyya adda addaa oddu'uttiisaan bittinneessullebiyya fagoo san jiraatanee na hin qaabatan.Isaanii fi ijoolleen isaanii jiraatanee,gara biyya ifii hin deebi'an.10Ani biyya Gibxi'iitiideebisee isaan hin fida.Biyya Asoorii keessaalle'eehaga latti isaan dhiphattuttiwolitti isaan qabadha.Gara biyya Giil'aadiitii fi Libaanoniideenisee isaan hin galcha.11Yennaa isaan abbaayaa rakko'oo keessa dabaranu,ani danbalii hin dhowa.Qilee ka te'e lagi Nayilii hin goga.Asoor hin salphatti;Gibxille ulee bokku'uuta mootumma'aa hin dhaddi.12Ani kolbaa tiyya hin jajjabeessa.Isaanille jecha kiyyaaf hin ajajaman» jedha.