Waan Dansaa Hujuu
1Kolbaan bulchitootaa fi worra baallii qabu jalatti akka bultu, akka ajajantuu fi karaa maraan waan dansaa hujiisaaf ta qophootte akka teetu qaabachiis.2Nama tokko irralle'etti hantuu akka hin dubbanne, nageelliyye'ee fi nama dansaa te'anee, yennaa mara karaa maraan nama duudi'iif gadhi-laafinna akka mudhisanu himi.3Tanaan qara nuutille gowwoolee, worra hin ajajanne, worra sobame, worra halcha'aa fi gammachuu foonii ta adda addaatiif garboolee teeneerru. Nuuti hammeennaa fi hinaaffa'aan le'aa, worra dhibi'iin jibbatannee wolille jibbaa turre.4Ammoo arjumma'aa fi jaalaltiin Waaqa fayyisaa keennaa yennaa mudhatte,5hujii balchummaa nuuti hunyeef adoo hin te'in, marartii ifiitiin, karaa dhiqata dhaloota lammeesso'ootii fi Ayyaana Woyyichaan haareffamiisaatiin nu fayyise.6Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin Ayyaana Woyyicha nu irratti fakkansee buuse.7Badhaadha isaatiin balchoonnee, jiruu bara baraa ta addi'iin eegannu san akka dhaalluuf inni tana godhe.8Wonni kun jecha dhuga'aa ti. Worri Waaqatti dhugeeffate hujii dansaa hujiisaaf akka ifi kennu, jabeessitee akka gorsitu barbaada; wonni kun dansa'aa fi ta nama maraaf bu'aa qaddu.9Ammoo wol mormii gowwootaa, hidda dhalootaa laakkowuu, wol lolu'uu fi Seera Muuse'ee irratti wol dhabiisa irraa fagaadhu. Sababille wonni kun bu'aa fi gatii hin qaddu.10Nama gargar bayiisa kaasu yennaa tokkoo fi lama itti gorsi, achiin duuba isa woliin womaa hin qabaatin.11Nami akkasii, nama jallatee cubbuu hujee, yakkaa ifitti mure akka te'e beeki.Gorsa Muumme'ee
12Ganna qachaa Niqopholiisii keessatti dabarsu'uuf waan murteeffadheef, yennaa ani Arxemaas yookiin Xikiqoos gara keeti erge, haga dandeette ariiti'iin achitti natti dhufiisaaf wodhaan.13Zenaasii seera beeka'aa fi Apholoosiif, deensa kara'aatii waan barbaachisu maraan haga dandeette gargaar.14Kolbaan teenna leetoo bu'aa hin qanne akka hin leene, waan leeto'oo barbaachisu hujjee dhaggatiisaaf, hujii dansaa hujiisaaf ifi kenniisa barattuu ti.15Worri na woliin jiru duudiin nageya siif dhaameera. Worra dhugeeffanna'aan nu jaalatuuf nageya keenna himi. Badhaadhi Waaqaa isin duudii woliin jiraatu.