Barnoota Sirrii Te'e
1Ati ammoo waan barnoota sirrii te'een wolii galu barsiisi.2Jaarsi ka hagatti le'u, ka kabajaa qabu, ka ifi qabatuu fi ka dhugeeffannaa, jaalalaa fi ossa sirrii te'e qabu akka te'u barsiisi.3Akkasuma jaartiin adaba ifiitiin ta ifi qabattu teetee, waan dansaa barsiittuutii malee, ta hamattu yookiin ta daadhii yortu akka hin teene barsiisi.4Isaan, akka dubartooti ka'im abbaa manaatii fi ijoollee ifii jaalattu,5Jechi Waaqaalle akka hin arraffanne, ta ifi qabattuu fi qulluu, ta akka dansaa mana ifii qabattu, arja'aa fi ta dhirsaaf ajajantu akka teetu barsiisanuu ti.6Akkasuma dargaggooti akka ifi qabattu gorsi.7Atinuu waan duudi'iin fakkeenna dansaa isaaniif te'i. Barsiisiisa keeti keessalle'etti dhugaamessaa fi nama kabajamaa te'uu keeti mudhisi.8Worri mormu waan badduu nu irratti dubbatu dhabee akka fokkifatu, jecha sirrii te'e ka hin tuffatanne dubbadhu.9Garbooleen goottolee ifiitiif akka ajajantu, waan maraan akka isaan gammachiittu, akka dubbii ila keessa itti hin deebinnee fi,10akka isaan jalaa wo hin hanne barsiisi. Barnooti marroo Waaqa fayyisaa keennaa, karaa duudi'iin akka tolu yennaa mara worra dansa'aa fi addatamaa akka te'ane mudhisanuu ti.11Waaqi badhaadha ifii ka nama maraaf fayyinna kennu mudhiseera.12Badhaadhi kun cubbu'uun jiraatiisaa fi halchaa badduu biyya lafaa akka lakkinnee, bara kana keessatti ifi qabannee, qajeellee, akka nama Waaqaatitti akka jiraannu barsiisa.13Addii gammachiittuufi ulfinnaan mudhatiisa Waaqa guddaa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii hin eeganna.14Kiristoos hammeenna duudii irraa akka nu fayyisuu fi waan dansaa hujiisaaf akka dharraanu, kolbaa ifii qulleeffatiisaaf mataa ifii dabarsee nuu kenneera.15Worra si dhage'u jajjabeessaa yennaa xixxu, baallii teeti guutu'uun waan kana duudii barsiisi. Nami tokkolle si hin tuffatin.