Kitaaba Faaruu Solomoonii8gax_twf

1Ati adoo obboleessa kiyyaka harma haadha tiyyaa hodhe, naaf teetee,ani karaa irratti si dhaggee,adoo si sunqadhee jiraadhe,silaa eennulle na hin tuffatuuyyu.2Ani silaa gara mana haadha tiyyaa,ta na barsiittee si geessee,daadhii woyni'ii dansaa sii kennee,cunfaa midhaan muka rumaaniillesi obaasaayyu.3Harki isaa bitaachimataa kiyya jala adoo jiraataa;harki isaa middichi adoo na hanqafata.4Ee, dubartoota Yerusaalemii,jaalalleen kiyya haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti,akka isa hin dammassine,ani isin kadhadha.

Faaruu Jayeesso'oo

5Ta jaalallee ifii qabattee,goomolee keessaa ol bayiisatti jirtu tun eennu?WaajibittiiAni muka appili'ii jalaa si kaase;haati teeti achitti ulfoottee,isiin achitti ciniinsifattee si deette.6Akka chaappa'aatitti gadhaa keeti keessatti,irree teeti irralle'etti na mallatteeffadhu.Jaalalli akka du'aa jabaata;hinaaffaalle akka boolla awwaalaa jabaatti.Bobeenni isi'ii akka bobe'a ibiddaa,ka tallisuu ti.7Bisaan guddaanibidda jaalalaa dhaanfuu hin dande'u;lolaan haree hin dande'u.Nami tokko qabeenna mana ifii marajaalalaaf yoo kenne,ijjumaa hin tuffatama.8Nuuti obboleettii diqqittii,guntuta hin baasin takka qanna.Guyyaa isii kadhatane,nuuti maan goona laati?9Adoo isiin dalleyaa dhaka'aa teetee,xelleephoo meeti'ii isii irratti hin ijaarra;adoo isiin balbala teetee,saanqaa hindheensaatiin hin cunna.10Ani dalleya dhaka'aa ti;harmi kiyya xelleephoo fakkaata;ani ila isaa duratti nama nageya isaaf fidu te'e.11Solomoon Ba'aal-Hamoon keessaaoorruu muka woyni'ii qabaayyu.Oorruu muka woyni'ii san worra eegutti kireesse;tokko tokkoon isaaniigatii midhaan woyni'iitiif,meetii kuma tokko tokko fidaniiyyu.12Oorruun muka woyni'ii tiyya, tiyyuma;ee Solomoon, ati kuma fudhadhu;worri oorruu muka woyni'ii eegulledhibba lama fudhatuu ti.13Ee, ati ta oorruu keessa leetu,jaaloti tiyya qoonqoo teeti caqasiisatti jiran;anille qoonqoo teeti dhage'uu ti.14Jaalallee kiyya, dafii koy!Akka jiliba'aa yookiin akka ilmoolee gadansaagaara uddowaan itti latu irraa utaalii koy!