Kitaaba Faaruu Solomoonii7gax_twf

1Ee, intala qondaalaa!Miilli keeti kophee bexxellicha keessaa,attam attam dansa'a!Baarreen tafa keetii dooqaharki nama hujii harkaa beeku huje fakkaata.2Handhurti teeti kuruurruuakka qorii daadhiin woyni'ii keessaa hin dhabannee fakkaatti.Uffaan keeti tuulaa qamadi'iita daraaraan itti naanneffame fakkaata.3Harmi keeti lamaanuulakkuu ilmoolee jiliba'aa fakkaata.4Mormi keeti xelleephooilka arbaa irraa hujante fakkaata.Ilti teeti lamaanuu baleessa Heshibooniika karra Batraabiimii biraa fakkaatan.Funnaan keeti xelleephoo Libaanoniita gara Damaasqo'oo fuula galteertu fakkaata.5Mataan keeti gaara Qarmelosii fakkaata;rifeensi mataa keetiillemaraa haarrii dhiille'ee fakkaata;mootichille shurrubbaa kanaan booji'ameera.6Ee, jaalallee tiyya!Ati attam attam miidhadda!Ati attam attam tolta!Attam attam nama gammachiitta!7Hojjaan teeti muka meexxi'ii,harmi keeti unkuruura isi'ii fakkaata.8Ani, «Muka meexxi'ii san hin yaaba;damee isaa hin qabadha» jedhe.Harmi keeti akka unkuruura woyni'ii,fooleen hafuura keetiiakka foolee muka appili'ii teetuu ti.9Fooleen afaan keetiilleakka foolee daadhii woyni'ii dansa'aa teetuu ti.WaajibittiiDaadhiin woyni'ii sunhidhi'ii fi ilkaan jaalallee kiyyaa keessa dabartee,laana gad buutuu ti.10Ani ta jaalallee kiyyaa ti;inni na halcha.11Jaalallee kiyya, koy!Baadiyyaa dhandhee,ollaa keessa bullaa ti.12Barii ganamaan kaanee,gara addee muka woyni'ii dhandhee,muki woyni'ii guntutee akka baqe,muki rumaaniille akka daraare ilaalla!Ani achitti jaalala kiyya si'iif hin kenna.13Midhaan muka fedhii jaalalaa kakkaasuhin uddowa;ee, jaalallee kiyya,midhaan dadansaan marti,ka amma guuramee fi ka bilchaate,ka ani si'iif lafa keyeerubalbala teenna dura jiran.