Dubartooti Jaaloti Waajibitti'ii
1Ati ta dubartoota caalaa dansittii teete!Jaalalleen keeti eessa dhaqe?Akka si woliin barbaannu,karaa kam gore?2Jaalalleen kiyya horii tiffatiisaaf,daraaraalle guuratiisaaf,gara oorruu uddowaa ifii gad dhaqeera.3Ani ta jaalallee kiyyaa ti; innille kiyya;inni odduu daraara'aa horii tissa.Faaruu Shaneesso'oo
4Ee, jaalallee tiyya,ati akka qachaa Tiiza'aa miidhadda;akka qachaa Yerusaalemii tolta;akka loltoota baandiraa qabatanee deemanuuarnya qadda.5Ilti teeti waan na boojiteef,na irraa deebifadhu!Rifeensi mataa keetii re'ootagaara Giil'aadii irraa gad yaatu fakkaata.6Ilkaan keeti akka hoolota adiidhiqamanee bisaan keessaa bayanuu addaata;hooloti tun martinuu lakkuu dhalti maleeisaan keessa maseenti hin jirtu.7Mallaan teeti lamaanshaashii ati hagooggattu keessaa,midhaan rumaanii ka gargar baqaqe fakkaatti.8Giittoti jaatamaa fi gursumeeyyiin saddeettami,durri laakkossi isaanii haga hin qanne,jiraachuu dande'an.9Saphaliisi tiyyata anaaf dhidhinna hin qanne isii qofa;isiin haadha ifiitiif takkatti'i;ta isii deette isii jaalatti.Ijoolleen durraa isii dhagganee«Ati ta leellifante» jedhaneen;giittotii fi gursumeeyyiille isii leellisane.10Ta akka boruu dayya'uu mudhattu,ta akka ji'aa miidhaddu,ta akka adu'uu issitu,ta akka loltoota baandiraa qabatanuuarnya qaddu tun eennu?11Ani muki woyni'ii akka quunxe,muki rumaaniille akka guntute ilaaliisaaf,gara dhooqa oorruu muka, «Almond» jedhamuugad dhaqe.12Adoo ani hin beekin halchaan tiyya na buttee,garreettaa fardaan harkifamuka qondaaltota kolbaa tiyyaa keessa na keette.13Ee, Shulaamitti'i! Deebi'i, deebi'i!Akka nuuti si ilaalluuf, deebi'i, deebi'i!WaajibichiAkka nama sirba darabaa lamaa ilaaluu,Shulaamittii tana isin maaf ilaaltan?