Kitaaba Faaruu Solomoonii5gax_twf

1Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya!Ani gara oorruu tiyyaa dhufeera;qumbii tiyyaa fi uddowaa kiyya wolitti qabadheera;nadhii dhaaba damma kiyyaa nyaadheera;daadhii woyni'ii tiyyaa fi aanan kiyya uneera.JaalotiNyaadha'a, jaalota, una'a, jaalalaan machowa'a!

Faaruu Arfeesso'oo

2Ani rafeera; yaadi kiyya ammoo rafee hin jiru;jaalalleen kiyya balbala dhodhowaa,«Obboleettii tiyya, jaalallee tiyya!Saphaliisa tiyya, ta dhidhinna hin qanne, naa bani!Mataan kiyya fixeensaan,rifeensi mataa kiyyaalledabana halkaniitiin jiidheera» jedhuun dhage'e.3Ani ammoo, «Woyaa tiyya baafadheeraa,attam deebisee uffadha ree?Ani miila kiyya dhiqadheera,attam deebisee xureessa ree?» jedheen.
4Jaalalleen kiyya karaa qowaatiinharka ifii gara keessaa keye;gadhaan kiyya isaaf na raafame.5Ani jaalallee kiyyaaf balbala baniisaaf ka'ee,harka kiyyaan qabannoo cufana'aa yennaa qabadhe,fiqireen qumbi'ii harka kiyya irraa coccoxxee,qabannoo san irratti dhangalaate.6Ani jaalallee kiyyaaf balbala bane;inni ammoo deebi'ee deemeera.Yennaa inni dubbate san,gadhaan na rifate.Ani isa barbaade;ammoo hin dhaggine.Ani isa waame;inni na jalaa hin owwaanne.
7Namooti asii fi achi deemaa qachaa eeganuna dhaggane;isaan dikanee na madeessane;eeddoti dalleya qacha'aawoyaa tiyya na irraa mulqane.8Ee, dubartoota Yerusaalemii,jaalallee kiyya yennaa dhaggitane,maan isatti hintan seetan?Ani jaalala isaatiin akka dhibameeru,itti naa hima'a.9Ati ta dubartoota mara caalaa dansittii teete!Jaalalleen keeti worra kaan ka attam caalu inni?Ati akkas ka nu magannifattu,jaalalleen keeti worra kaan ka attam caalu inni?10Jaalalleen kiyya diimaa hargiisa;inni nama kuma kudhan keessalle'etti hin mudhata.11Buqqiin mataa isaa worqii qulluu fakkaatti;rifeensi mataa isaa luuccaa,gurraacha akka harraaqessaa ti.12Ilti isaa akka saphaliisa adiimadda bisaanii bira tee'uu,ka akka waan aananiin dhiqateeaddaatuu,akka dooqaa jirti.13Mallaan isaa akka oorruu uddowa'aa ti;hidhiin isaa akka daraaraafiqiree qumbi'ii dhangalaasuu ti.14Harki isaa ulee worqi'iita dooqaan seefante fakkaata;nafi isaa ilka arbaaka dhakaa, «Safiiros» jedhamuunseefame fakkaata.15Miilli isaa utubaa cabbii cululuxxu'uu,ka worqii qulluu irra dhaabbatu fakkaata.Inni gaara Libaanonii fakkaata;akka hindheensa Libaanoniika mara caalaa filatame.16Haasonni isaa guddoo mi'owa;inni guddoo jaalatama'a.Ee, dubartoota Yerusaalemii,jaalalleen kiyya, jaalli kiyya isa.