Kitaaba Faaruu Solomoonii4gax_twf
1Jaalallee tiyya, ati attam attam dansitti'i!Ee, ati attam attam dansitti'i!Ilti teeti shaashii ati hagooggattu keessaa,akka ila saphaliisaa kuulle'e;rifeensi mataa keetiire'oota gaara Giil'aadii irraagad yaa'anu fakkaata.2Ilkaan keeti akka hoolota adiiyennaa rifeensi isaanii muramunafi isaanii dhiqamee bisaan keessaa bayanuu ti;hooloti tun martinuu lakkuu dhalti;maseenti takkaalle isaan keessa hin jirtu.3Hidhiin teeti haarrii diintuu fakkaatti;haasonni keeti namatti tola.Mallaan teeti shaashii ati hagooggattu keessaa,midhaan rumaanii ka gargar baqaqe fakkaata.4Mormi keeti xelleephoo Daawitii,ta wonteen gugurdoon kum tokko,wonteen goototaa martinuuitti fannifamanu fakkaata.5Harmi keeti lamaanuu jilibaa ilmoolee,lakkuu jilibaa ilmoole'ee,ta daraaraa keessa dheeddu fakkaata.6Adoo boruun hin dayya'in,aduun adoo hin bayin,ani gara gaara qumbi'iitii figara kooba hixaanaa hin dhaqa.7Jaalallee tiyya, ati attam attam dansitti'i!Womaa dhidhinna hin qaddu.8Waajibittii tiyya, Libaanon irraa gara kiyya koy!Libaanon irraa gara kiyya koy!Qaccee gaara Amaanaa irraa,qaccee gaara Siinaariitii fi Hermoonii,goda neenqaa,koobota qeeransaa irralle gad bu'i.9Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya!Ati midhuu teeti takkatti'iin,dirata morma keetiitiinqalbii tiyya boojite.10Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya!Jaalalli keeti attam attam nama gammachiisa!daadhii woyni'ii caalaaattam attam gabbi nama godha!Fooleen fiqiree teetii uddowaa mara caalti.11Waajibittii tiyya!Hidhiin teeti akka dhaaba dammaanadhii coccossiti;aananii fi dammi arraba keeti jala jiran;fooleen woyaa teetii akka fooleehindheensa Libaanonii ti.12Obboleettii tiyya, waajibittii tiyya!Ati akka oorruu itti ijaaramee ti;akka madda dalleyaan marfameetii fiakka burqaa cuqqaalamee ti.13Ati akka oorruu muka rumaanii,ka midhaan dansaa buusu,ka daraaraan uddowuu fibiqiltuun naardoosii achi keessa jiranuu ti.14Muki Naardoosii, biqiltuun uddoottu,marri uddowu, qarafaan,muki hixaanaa, muki qumbi'ii,daraaraan hargiisaatii fiuddowaan dansaan adda addaa martiachi keessa jiran.15Ati akka burqaa bisaan addee oorru'uu,ka boolla keessaa yaa'u,bisaan gaara Libaanoniitii gad yaa'uu ti.16Ee, qilleensa kaabaa dammaqi!Ee, qilleensa kibbaa koy!Oorruu tiyyatti qilleensi;fooleen isi'ii uddoottuun fiqittuu ti.Jaalalleen kiyya gara oorruu ifii dhufeemidhaan oorruu ifii dansaa nyaatuu ti.