Kitaaba Faaruu Solomoonii3gax_twf

1Ani halkan guutuu taqee tiyya irrattijaala kiyya ka lubbu'uu barbaade;ani isa barbaade ammoo hin dhaggine.2Ani amma ka'ee qachaa keessa,karaa irra, woldeennaa kara'aa irra deddeemee,jaala kiyya ka lubbu'uu hin barbaada;ani barbaade ammoo isa hin dhaggine.3Worri qachaa eegu adoo asii fi achi deemanuu,na dhaggane;anille, «Jaala kiyya ka lubbu'uudhaggitaneertanii?» jedhee gaafadhe.4Isaan irra akkuma dabareen,jaala kiyya ka lubbu'uu san dhaggee,isa qabadhe;gara mana haadha tiyyaa,gara kolloo haadha na deetteetittihaga isa geeffadhutti gad isa hin lakkinne.
5Ee dubartoota Yerusaalemii,haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti,jaalallee kiyya tirtirsitanee akka hin dammassine,ani maqaa jilibaa yookiin gadansa badda'aatiin,isin magannifadha.

Faaruu Sadeesso'oo

6Ka lafa goomole'ee keessaaakka duumensa aaraaol bayiisatti jiru,ka akka fiqiree qumbi'ii fi hixaanaandaldaltooti uddowaa mara irraa hujattee kun eennu?7Kunoo, barcumaan mootumma'aa ka Solomoonii,loltoota hunnaameyyii Israa'eliikeessaa ta filatante jaatamaan marfameera.8Marti isaaniituu shallaagaa hidhatan;martinuu muuxannoo lolaa qaban;bidhaa halkaniitiiftokko tokkoon isaanii shallaagaa hidhataneeran.9Mootichi Solomoon muka Libaanonii irraa,barcumaa mootumma'aa ka ifii hujisiifate.10Miilli barcumaa mootumma'aa sanii meetii irraa,irkoon isaa worqii irraa,addeen tee'iisaa woyaa dhiille'een gonfameera;keessa isaa dubartoota Yerusaalemiititti seesee huje.11Ee Dubartoota Yerusaalemii,dhaqa'aatii kallacha Solomoonii mootichaa,ka haati isaa guyyaa fuudha isaa,guyyaa gadhaan isaa gammadettiitti keette ilaala'a.