Kitaaba Faaruu Solomoonii2gax_twf

1Ani akka daraaraa lafa Sharoniitii fiakka daraaraa dhooqa keessaa ti.2Jaalalleen tiyya dubartoota oddu'uttiakka daraaraa qoree odduu jiruu ti.3Jaalalleen kiyya dargaggoota oddu'utti,akka muka appili'ii ka baddaa keessa jiruu ti.Ani gaaddisa isaa jala tee'iisatti hin gammada;midhaan isaalle afaan kiyyatti hin mi'owa.4Inni gara mana gammadaa na geesse;beessisi jaalala isaa na irra jira.5Ani jaalala isaatiin qabame waan gaggabeef,midhaan woyni'ii nyaachisa'aatii na jabeessa'a;midhaan muka appili'iitiin na gammachiisa'a.6Harki isaa bitaachi mataa kiyya jala adoo jiraataa;harki isaa middichi adoo na hanqafataa.7Ee dubartoota Yerusaalemii,haga inni fedhuma ifiitiin ka'utti,jaalallee kiyya tirtirsitanee akka hin dammassine,ani maqaa jilibaa yookiin gadansa badda'aatiin,isin magannifadha.

Faaruu Lammeesso'oo

8Kunoo, jaalalleen kiyya,gaarota irra u'utaalaa,koobota irra burraaqaa dhufuun qoonqoo dhage'a.9Jaalalleen kiyya jilibaa yookiinilmoolee gadansaa fakkaata.Kunoo inni dalleya mana keennaa duuba dhaabbata;qowa dalleyaatiin,fodda'aan gara keessaa ilaaliisatti jira.10Jaalalleen kiyya natti dubbatee,«Jaalallee tiyya, dansittii tiyya!Koy, woliin ideenna.11Kunoo, ganni dabareera;bokkeenni roobuu lakkisee caameera.12Daraaraan baquu jalqabeera;yennaan faaruu faarfatanu geetteerti;qoonqoon saphaliisaa lafa teenna keessattidhage'anteerti.13Harruun midhaanotteerti;woyniille daraartee uddootteerti.Jaalallee tiyya, dansittii tiyya!Ka'i, woliin ideenna» naan jedhe.14Ee, saphaliisa tiyya,ta holla dhakaa keessaa,ta addee dhokata gaara keessaa,fuula keeti natti mudhisi;qoonqoo teeti na dhageessis;qoonqoon teeti natti tolti;fuulli keeti natti miidhaga.
15Jeedalootaa fi ilmoolee jeedalootaaworra woynii teenna ta daraariisatti jirtunu duraa balleessu, nuu qaba'a.16Jaalalleen kiyya, kiyyuma;anille ta isaa ti;inni daraaraa dansaa keessa horii tissa.17Ee jaalallee kiyya! Adoo boruun hin dayya'in,aduun adoo hin bayin,akka jiliba'aa yookiinakka ilmoolee gadansaa,gaara bu'aa bayii qabu irrautaalaa gara kiyya koy.