Weedduu1gaz_bib
1Weedduu Weeddotaa Solomoon.2Inni dhungoo afaan isaatiin na haa dhungatu;jaalalli kee daadhii wayinii caalaatii.3Urgaan shittoo keetii namatti tola;maqaan kee akkuma shittoo dhangalaafamee ti.Kanaafuu dubarran si jaallatu!4Na fudhadhuu deemi; si duukaa fiignaa!Mootichi diinqa isaatti ol na galfate.MichootaNu sitti gammannee ililchina;jaalala kees daadhii wayinii caalaa jajanna.IsheeSi jaallachuun isaanii akkam sirrii dha!5Intallan Yerusaalem,ani akkuma dunkaana Qeedaar,akkuma golgaa dunkaana Solomoonis gurraattii dha;garuu bareedduu dha.6Sababii ani gurraattii taʼeef, ija babaaftee na hin ilaalin;aduutu na gurraachesseetii.Ilmaan haadha koo natti aaraniiakka ani iddoo dhaabaa wayinii eegu na taasisan;ani garuu iddoo dhaabaa wayinii koo hin eegganne.7Yaa isa ani si jaalladhu,iddoo bushaayee kee tikfattuu fiiddoo itti guyyaa saafaa hoolota kee boqochiifattu natti himi.Ani maaliifan akka dubartii fuula ishee haguugatteebushaayee michoota keetii bira asii fi achi joortu tokkoo taʼa?8Yaa dubartii dubartoota hunda caalaa bareeddu,ati yoo beekuu baatte hoolota duukaa buʼi;ilmoolee reʼoota keetiisdunkaana tiksootaa bira tikfadhu.9Yaa jaalallee ko, ani akka farda dhalaafardeen gaarii Faraʼoon harkisan keessaa tokkootti sin ilaala.10Maddiin kee amartii gurraatiin,mormii kees dirata warqeetiin miidhagfameera.11Nu warqee gurraameetiidhaan wal make siif tolchina.12Utuma mootichi maaddiitti dhiʼaatee jiruushittoon koo urgaa isaa kenne.13Michuun koo anaaf korojoo qumbii ti;inni guntuta koo gidduu boqota.14Michuun koo anaaf hurbuu daraaraa heennaakan iddoo dhaabaa wayinii Een Gaadiitii dhufee dha.15Yaa jaalallee ko, ati akkam bareedda!Dinqii akkam bareedda!Iji kee gugee fakkaata.16Yaa michuu ko, ati akkam miidhagda!Dinqii akkam namatti tolta!Margi lalisaan siree keenya.17Dareersumaan mana keenyaa birbirsa;dagaleen isaa immoo gaattiraa dha.