1Faaruu Solomoonii ta faaruu mara caaltu.
Faaruu Qaraa
2«Jaalalli keeti daadhii woyni'ii waan caaluuf,afaan kiyya keessa na sunqadhu.3Fooleen fiqiree teetii hin uddootti;maqaan keeti akka fiqiree dhangalaatuu ti;tanaaf durri marti si jaalatti.4Na fudhadhuu deemi! Ariifannuu ti;ee, mooticha gara kolloo teetii na geessi.JaalotiNuuti si'iin firinxiindhee hin gammanna;daadhii woyni'ii caalaa jaalala keeti leellinna;dubartooti marti dhuguma si jaalatan.5Ee, durra Yerusaalemii!Ani gurraattii te'ulle,akka dunkaanii Qedaarii,akka gollaa mana mootummaa Solomoonii miidhaga.6Ani gurraattii waan te'eef,aduun waan na gurraachessiteef,na hin daaw'atina'a!Obboleeyyan tiyya natti aaranee,oorruu muka woyni'ii akka eegu na godhane;muka woyni'ii kiyya ani hin eeganne.7Jaala kiyya ka lubbu'uu!Hoolee teeti eessa akka tiffattu,Waareelle eessatti akka boqachiifattu natti himi.Ani maaniif hoolee jaalota teetii biraakka dubartii fuula hagooggattee joonja?» jette.8Ati ta dubartii mara caalaa miidhaddu!Yoo hin beenne teete,hoolee gula ideemi!Ilmoolee re'e'ee teetidunkaanii tissitootaa bira dheechifadhu.9Obboleettii tiyya!Ati fardoo garreettaa fardaan harkifamu harkisanuka Fara'oonii keessaaakka farda tokkoo ti.10Mallaan teeti seesaan,mormi keetille dooqaan miidhageera.11Ani worqii gurraa,ta meeti'iin seefante hujisiisa.12Mootiin areerratiisatti jiruun,fiqireen tiyya uddaa ifii fiqqitte.13Jaalalleen kiyya akka subba qumbi'ii ti;inni odduu harma kiyyaa boqata.14Jaalalleen kiyya naaf akka daraaraa uddowu,ka addee muka woyni'iika madda En-Gedii keessaa ti.15Ee, jaalallee tiyya, ati attam attam miidhadda!Ee, attam attam miidhadda!Ilti teeti akka ila saphaliisaa ti.16Jaalallee kiyya, ati attam attam miidhadda!Ati attam attam nama gammachiitta!Taqeen teenna akka marra bisile'ee ti.17Utubaan mana keennaa muka hindheensaa ti;dagaleen isaalle muka birbirsaa ti.