Bo'az Ruuti Fuudhe
1Bo'az gara addee karra yaa'ii qacha'aa dhaqee achi tee'e. Namichi fira aanti'ii, ka Bo'az dubbateeru kuun, achiin dabariisaaf dhufe. Maarre Bo'az, «Jaali, koottu me; as tee'i» jedheen. Innille dhaqee tee'e.2Achiin duuba Bo'az jaarsolee qacha'aa nama kudhan fudhatee, «As tee'a'a» jedheen. Yennaa isaan tee'ane,3inni namicha fira aanti'iitiin, «Naa'oom, ta biyya Mo'aabiitii deebite, lafa qooda Eliimelekii fira keennaa gurguratiisaaf barbaaddi.4Atille marroo waan kanaa beekuu qadda jedhee yaade. Amma, worra as tee'u kanaa fi jaarsolee tana duratti bitadhu. Yoo bitatuu feete, bitadhu; yoo hin feene ammoo, akka beekuuf, natti himi; sababille bitatiisaaf nami dursu'uu male si'i, anille sitti aana» jedhe. Namichi, «Ani hin bitadha» jedhe.5Achiin duuba Bo'az, «Guyyaa lafa Naa'oomirraa bitattu, maqaa namicha du'ee badii dhooggiisaaf, Ruutii Mo'aabittii, haadha hiyyeessaalle hin dhaalta» jedheen.6Namichi fira aanti'ii, «Yoo akkas teete, ijoolleen tiyya waan hin dhaalleef ani hin bitadhu; ani waan hin bitanneef, haqa kiyya fudhadhuutii atummaan bitadhu» jedhe.7Dur biyya Israa'elii keessatti, bitataa fi jijjiirata irratti: dubbii mirkaneessiisaaf, nami tokko kophee baafatee kaaniif kenniis aada'a; Israa'el keessatti akka kanaan bitta'aa fi jijjiirraan seera qabeessa te'a.8Tanaaf namichi fira aanti'ii kuun, Bo'aziin, «Atummaan ifumaaf bitadhu» jedhee kophee ifii baafatee kenne.9Achiin duuba Bo'az jaarsole'ee fi kolbaa achi jirtu maraan, «Waan Eliimelekii, waan ilmaan isaa Kiliyoonii fi Maahiloon qabanulle maraayyuu, adha ani Naa'oom irraa akka bitadhe isin dhugaa tiyya.10Karra isaa irratti maqaa namicha du'ee badii dhooggiisaaf, biyya itti dhalatee fi kolbaa isaa keessaa maqaan isaa akka hin banne, Ruutii biyya Mo'aabii ta Maahiloon irraa du'e, akka niitii naa teetu, ani fuudheera. Tana duudi'iif isin adha dhugaa tiyya» jedhe.11Achiin duuba jaarsole'ee fi kolbaan addee yaa'i'ii jirtu marti, «Ee, nuuti dhugaa sii teena. Mootiin Waan Maraa dubartii gara mana keetii dhufaartu tana, akka Raahelii fi Liyaa ijoollee Yaaqoobiif horanee si'iif godhuu ti. Efraataa keessatti hori; Beeteelem keessalle'etti beekkam.12Ilmaan Mootiin Waan Maraa karaa intala tanaatiin sii kennuun, maatiin teeti akka maatii Faaresii, ka Taamaar Yihuda'aaf deettee teetu» jedhane.Sanyii Daawitii
13Maarre Bo'az Ruuti fuudhee niitii teeteef. Yennaa isaan wol bira geyane, Mootiin Waan Maraa isii eebbisee, isiin ulfoottee ilma deette.14Achiin duuba dubartooti qachaa Beeteelemii, Naa'oomiin, «Ka akkoo si kunuunsu adha sii kenne, guddinni Mootii Waan Maraatiif te'u. Israa'el keessatti maqaan muca'aalle ka beekkame te'u!15Niitiin ilma keetii si jaalatti; ilmaan torba sii caalti. Amma ilma bara dullummaa teetii si soorachiisuu fi jiruu teeti haaressu sii deetteerti» jedhaneen.16Achiin duuba Naa'oom mucaa fudhattee habbaaratte; kunuunsitelle gudditte.17Dubartooti ollaa sanii, «Ilmi Naa'oomiif laa dhalate» jedhanee, maqaa muca'aa, «Yoobeed» baasane. Yoobeed abbaa Iseyii ti; Isey abbaa Daawitii ti.18Sanyiin Faaresii isaan kana: Faares, Hesrom uumate,19Hesrom, Raam uumate; Raam, Aminaadaab uumate,20Aminaadaab, Nahasoon uumate; Nahasoon, Salmoon uumate.21Salmoon, Bo'az uumate; Bo'az, Yoobeed uumate;22Yoobeed, Isey uumate; Isey Daawiti uumate.