Le'ii Waaqa Tajaajiliisaaf Malte
1Maarre obboleeyyan tiyya! Namummaa keessan, ciincaa Waaqa gammachiisu, jiraata'aa fi woyyicha gootanee akka dhikeessitanu, marartii Waaqaatiin isin kadhadha; waaqonfannaan dhugittiinisii tana.2Fedhiin Waaqaa dansitti'ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina'a.3Akkasuma isin martinuu qixxee Waaqi dhugeeffannaa isinii kenneetitti ifi gad qabiisaan yaadadha'a malee, haga isinii malteen irra ifi jajiisaan marroo teessaniif hin yaadatina'a jedhee, badhaadha naa kennameen isinii hima.4Nuuti nafa keenna tokkocha irratti mitikaa hedduu qanna; mitikaan kun martinuu hujii adda addaa qaba.5Maarre nuutille, adoo hedduu teenee jirruu, Kiristoosiin nafa tokkocha; mitikoota nafa tokkochaa akkuma teenetti wol qabanneerra.6Akka Badhaadha Waaqi nuuf kenneetitti nuuti kennansa gara garaa qanna. Kennansi keenna raaga raaguu yoo te'e, qixxee dhugeeffannaa qannuutitti raannuu ti;7kennansi keenna worra dhibii tajaajiluu yoo te'e, jabaannee tajaajilluu ti; kennansi keenna barsiisiisa yoo te'e, akka maltetti barsiinnuu ti;8kennansi keenna gorsiisa yoo te'e, gorsinuu ti; kennansi keenna arjoomuu yoo te'e, gadha'aan arjoonnuu ti; kennansi keenna bulchiisa yoo te'e, jabaannee bulchinuu ti; kennansi keenna mararuu yoo te'e, gammadaan mararruu ti;9Jaalalli keessan dhugaamessa te'uu ti. Waan hantuu jibba'a; waan dansaa jabeessa'aa qabadha'a;10Akka obboleeyyanii o'isa'aatii wol jaaladha'a; ulfinna woliif kenniisaaf wol doggoma'a.11Jabaadha'aa huja'a malee, gadhee hin te'ina'a. Ayyaana finiineen Goottaa tajaajila'a.12Addii qaddanuun gammada'a; rakkinna ossadha'a; yennaa mara daadimadha'a.13Kolbaan Waaqaa wo dhaddee yennaa rakkatu waan qaddanu isaan woliin qoodama'a; keessummoota fudhadha'a.14Worra isin miidhu eebbisa'a; eebbisa'a malee hin abaarina'a.15Worra gammadu woliin gammada'a; worra bowu woliin bowa'a.16Yaada tokkoon wolii gala'aatii le'a; ifi ol qabiisa lakkisa'aatii worra gadee woliin le'a; nuuti beekkole'e jedhaa ifi hin saadina'a.17Fuula nama maraa duratti waan dansaa godha'a malee, yennaa namooti hantuu isin irratti hujanu, isinille deebittanee hantuu itti hin hujina'a.18Yoo dande'ame nama maraa woliin nageyaan le'iisaaf, gama keessaniin waan dande'amu mara godha'a.19Jaalota tiyya! Mufiin Waaqaa haluu baatuutii malee, isin ijjumaa haluu hin bayina'a. Barreeffam Woyyichi, «Ka haluu bawuu fi ka gatii halu'uu kaffalu ana jedha Goottaan Waaqi» jedha.20Addee haluu baatu, akkuma Barreeffam Woyyichi, «Diinni keeti yoo beelote, nyaachis, yoo dheebote obaas; Yoo akkas goote qaani'iin akka gubatu goota» jedhu tolchi.21Hantuu dansa'aan injifadhu malee, hantuun si hin injifatin.