Mudhii Yohaannisii9gax_twf
1Ergamaan Waaqaa ka shaneesso'oo tultullaa afuufe. Ani urjii ol-gubbaa irraa gadi buuteertu dhagge; urjii saniif furtuun boolla qile'ee kennante.2Yennaa urjiin sun boolla qilee san bante, aarri akka aara boolla ibiddaa guddaa keessaa bawu fakkaatu keessaa baye. Aara boolla keessaa bayeen, adu'uu fi qilleensi dukkanowane.3Aara san keessaa awwaannisooti bayanee lafatti bu'ane; baalliin akka baallii makkaajirtu kennanteef.4Isaan namoota adda ifii irratti chaappaa Waaqaa hin qanne callaa malee, marra lafaa, yookiin waan latee bisilee te'e mara, yookiin muka akka hin miine itti himame.5Awwaannisootille ji'a shan callaa akka isaan farrisiisanuuf malee, akka ijjeesanuuf baalliin isaaniif hin kennanne; farri isaan farranu sunille farra akka yennaa makki nama ciniine namatti dhage'amuu ti.6Guyyoota san namooti du'a barbaadan, ammoo hin dhaggatanu; du'iisaafille hin halchan, duuti ammoo isaan duraa hin baqatti.7Awwaannisooti fardoo lolaaf qophootte fakkaatan; mataa ifii irralle'etti waan akka kallacha worqi'ii fakkaatu keyataneeran; fuulli isaaniille fuula namaa fakkaata;8rifeensi isaanii akka rifeensa mataa dubarti'ii fakkaata; ilkaan isaaniille ilkaan neenqaa fakkaata.9Isaan qomoo, qomoo sibiilaa fakkaattu qaban; qoonqoon koola isaaniille hididdeessa garreettota lolaa ka fardo'oon harkifamanu heddu'uu, ka gara lolaa gulufanuu fakkaatti.10Isaan akka makkaa eege'ee fi ilkattii qaban. Hunni isaan ittiin namoota ji'a shan farrisiisanulle eegee isaanii irra jirti.11Isaan mootii qaban; innille ergamaa boolla qile'eeti; maqaan ergantichaa afaan Ibrootaatiin, «Abadoon», afaan Giriikiitiin, «Apholiyon» jedhama; akkas jechuulle, «Balleesso» jechu'u.12Aanneen qaraa dabarteerti; kunoo kanaan duuba ammalle aanneen lama ta dhibiin hin dhutti.13Ergamaan Waaqaa ka jayeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Gaafa arfan addee ciincaan itti ciinceffamuu, ka worqi'iin hujamee fuula Waaqaa dura jiruu irraa qoonqoon dhuttuun ani dhage'e.14Qoonqoon sunille ergamaa Waaqaa ka tultullaa jayeesso'oo qabateeruun, «Ergantoota Waaqaa arfan ta laga Efraaxiisii guddichaatitti hidhamane hiiki!» jette.15Sanyii namaa harka sad keessaa harka tokko akka ijjeesanuuf, saatii tanaaf, guyyaa kanaaf, ji'aa kanaa fi woggaa kanaaf, ergantooti Waaqaa arfan ta qophowaneeranu hiikamane.16Ani laakkossa loltoota fardaan loltuulle dhage'e; laakkossi isaanii miliyoonii dhibba lama.17Fardo'oo fi worra fardoo san irra tee'eerulle ani mudhi'iin dhagge. Isaan qomoo sibiilaa diintuu akka ibiddaa, gurraattii akka baddeessa'aatii, fi bifa bookaa fakkaattu qaban. Mataan fardoo sanii mataa neenqaa fakkaata; afaan isaanii keessalle'ee ibiddi, aarrii fi dhakaan bobe'u baya.18Balaa sadiin afaan fardo'oo keessaa bayeen, jechuun ibiddaan, aaraa fi dhakaa bobe'uun sanyiin namaa harka sad keessaa harki tokko ijjeefante.19Sababille hunni fardoo sanii afaanii fi eegee isaanii keessa jirti; eegeen isaanii bofa fakkaatti; isiille mataa waan qadduuf, isaan isi'iin kolbaa miidhan.20Worri balaa kanaan hin du'in hafane ammalle hujii harka ifii irraa hin deebine. Isaan durriisota, akkasuma waaqota dharaa ka worqii, meetii, sageettuu, mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka dhagguu, yookiin dhage'uu, yookiin ideemuu hin dandeenne waaqonfatiisa hin lakkinne.21Isaan ijjeechaa, xanuu, sagaagaluu yookiin hatuu irraa hin deebine.