Chaappaan Torbeesso'oo Baname
1Yennaa Hoolichi chaappaa torbeesso'oo bane, ol-gubba'atti gara daqiiqaa soddomaa cadheessi te'e.2Achiin duuba ani ergantoota Waaqaa torba ta Waaqa dura dhaabbattu dhagge; tultullaan torballe isaaniif kenname.3Ergamaan Waaqaa ka dhibiille girgiraa worqi'iin hujame qabatee dhufee, addee ciincaan itti ciinceffamu bira dhaabbate; innille addee ciincaan itti ciinceffamu ta worqi'iin hujantee barcumaa mootummaa Waaqaa dura jirtu irratti, daadimata worra Waaqaaf woyyoome maraa woliin akka dhiyeessuuf, hixaanni bacaan itti kenname.4Aarri hixaanaalle daadimata worra Waaqaaf woyyoomee woliin harka ergamaa Waaqaa irraa gara fuula Waaqaa ol ka'e.5Ergamaan Waaqaa sunille girgiraa san harkatti qabatee ibidda ciinca'aa itti guutee gad gara lafaa qolaanse; gikkeessi mandiisu'uu, huuruun, balaqqeessi balaqqeetti'iitii fi tacho'i lafaalle te'e.Tultullaa Torba
6Achiin duuba ergantooti Waaqaa torba ta tultullaa torba qabatteertu tultullaa afuufiisaaf qophootte.7Ergamaan Waaqaa ka qaraa tultullaa ifii afuufe. Dhakaan bokkeyaatii fi ibiddi dhiigaan makame lafatti gad bu'ane; lattille harka sad keessaa harki tokko gubatte; mukootille harka sad keessaa harki tokko gubatane; marri bisileelle martinuu gubate.8Ergamaan Waaqaa ka lammeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Wonni akka gaara gudda'aa fakkaatulle ibiddaan gubataa abbaaya'atti qolaanfame; abbaayaan guddoolle harka sad keessaa harki tokko dhiiga teete.9Dadi lubbuu qaddu ta abbaayaa keessa jirtu, harka sad keessaa harki tokko duute; hobolooti gugurddootilleharka sad keessaa harki tokko muxuqqi jedhane.10Ergamaan Waaqaa ka sadeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Urjiin guddoon ta akka xassa'aabobeettu lagoota harka sad keessaa harka tokkoo fi maddoota bisaaniititti ol-gubbaa irraa buute.11Maqaan urjii saniille, «Hadheesso» jedhama. Bisaanille harka sad keessaa harki tokko hadhowaa te'e; bisaan hadhowaa waan te'eef namooti hedduun du'ane.12Ergamaan Waaqaa ka arfeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Ifi isaanii harka sad keessaa harki tokko akka dukkanowuuf, ka adu'uu harka sad keessaa harki tokko, ka ji'aa harka sad keessaa harki tokkoo fi ka urji'ii harka sad keessaa harki tokko dhowame; ifi guyya'aa harka sad keessaa harka tokko, ifi halkaniille harka sad keessaa harka tokko ifa akka hin kennine dhooggame.13Achiin duuba midhadhee, risaan tokko waaqa keessa koolaan ka'aa qoonqoo guddo'oon, «Ergantooti Waaqaa sad ta hatte, waan tultullaa afuuttuuf, worra lafa irra le'uuf aanne'e! Aanne'e! Aanne'e!» jedhaa iyyuun dhage'e.