Mudhii Yohaannisii7gax_twf

Kolbaan Israa'elii 144,000 Mallatteeffante

1Kanaan duuba ergantooti Waaqaa arfan, moggaa lafaa arfanuu dhaabbatanee, akka lafatti yookiin abbaaya'atti, yookiin muka kamille'etti qilleensi hin dhoonne, qilleensa maddii arfanii dhoogganuun dhagge.2Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin ka chaappaa Waaqa jiraata'aa qabu gara aduun baatuun dhufuun dhagge; innille, ergantoota Waaqaa arfan, ta akka lafaa fi abbaayaa miidhanuuf baalliin isaanii kennanteen, qoonqoo ol qabatee,3«Adda tajaajiltoota Waaqa keennaatitti haga chaappaa dhoonnu, lafa yookiin abbaayaa, yookiin mukoota hin miidhina'a» jedhee iyye.4Ani laakkossa worra chaappaan itti dhowameelle dhage'e; worri gosa Israa'elii mara keessaa chaappa'aan dhowame kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afur.5Gosa Yihudaa keessaa kuma kudha lama, gosa Ruubenii keessaa kuma kudha lama, gosa Gaadii keessaa kuma kudha lama,6gosa Aseerii keessaa kuma kudha lama, gosa Niftaalemii keessaa kuma kudha lama, gosa Minaase'ee keessaa kuma kudha lama,7gosa Shimi'oonii keessaa kuma kudha lama, gosa Lewwi'ii keessaa kuma kudha lama, gosa Yisaakorii keessaa kuma kudha lama,8gosa Zebuloonii keessaa kuma kudha lama, gosa Yoseef keessaa kuma kudha lama, gosa Beniyaaminii keessaa kuma kudha lamatti chaappaan dhowame.

Gumii Bindillaa

9Kanaan duuba gumiin bindillaan ta nami tokkolle laakkowee hin dandeenne gosa biyya adda addaa mara keessaa, gosa mara keessaa, kolbaa maraa fi afaan adda addaa mara keessaa dhufane dhaabbataneeranuun dhagge; isaan woyaa adii uffatanee, baala meexxi'ii harkatti qabatanee, barcumaa mootumma'aatii fi Hoolichaa dura dhaabbataneeraniiyyu.10Isaan qoonqoo guddo'oon, «Fayyinni Waaqa keenna ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruu fi Hoolicha biraa dhaggama!» jedhanee iyyane.11Ergantooti Waaqaa martinuu naannoo barcumaa mootumma'aa, maanguddootii fi dadi lubbuu qaddu arfan dhaabbataneeraniiyyu; barcumaa mootummaa Waaqaa duratti addaan gad gombifamanee Waaqaaf sagadanee,12«Ameen! Waaqa keennaaf leelloon, guddinni, qaruun, galanni, ulfinni, hunnaa fi jabeenni bara baraa haga bara baraa te'u! Ameen!» jedhane.13Achiin duuba maanguddoota keessaa tokkochi, «Worri woyaa adii uffateeru kun eennu fa'a? Eessaa dhufane?» jedhee na gaafate.14Anille, «Goottaa kiyya, si'ittuu beeka» jedheen. Innille, «Isaan worra rakkinna guddaa keessaa bayanee dhufane; woyaa ifiille dhiiga Hoolichaatiin dhiqatanee addeeffataneeran.15Tanaaf isaan barcumaa mootumma'aa ka Waaqaa dura dhaabbatanee, halkanii fi guyyaa Galma Waaqaa keessatti isa tajaajilan; ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eerulle dunkaanii ifii isaan gubba'atti hin diriirsa.16Haganaa achi hin beelowanu; deebi'aneelle hin dheebotanu, aduun isaan hin dhoottu, o'i finiinaalle isaan hin gubu.17Sababille, Hoolichi odduu barcumaa mootumma'aa jiru tissee isaanii hin te'a; gara madda bisaan jiru'uulle isaan hin geessa. Waaqille ila isaanii irraa imimmaan mara hin haqa» anaan jedhe.